Humnootni siyaasaa Suudaan Finfinneetti marii karaa nagaa itti qajeelchan irratti walii galan.

OFM:Waxabajjii.05/2026.Gamtaan humnoota siyaasaafi siiviilii Suudaan adeemsa nagaa waraana Suudaan dhaabsisuuf kaayyeffate jalqabuuf mul’ata waloo irratti waliigaltee irra akka gahan himame.

Kunis hirmaattonni erga rakkoon siyaasaa biyyattii bara 2021 jalqabee siyaasaa Suudaan jidduutti waliigaltee guddaa ta’uu ibsan.

Waliigaltichi marii Finfinneetti gaggeeffame keessatti gareen afran Gamtaan Mootummootaa (UN), Gamtaan Afrikaa (AU), Gamtaan Awurooppaa (EU), Liigii Biyyoota Arabaafi IGAD’n kan mijeeffameedha.

Qaamonni qajeelfama karaa nagaa kana irratti walii galanii keessaa Sumoud Alliance, Diimookraatic Bilook, Arab Sooshaalisti Ba’aat Paartii, Poopoulaar Koongiress Paartii fi Naashinaal Umma Paartii dabalatee dhaabbileen hawaasa sivikii, gareewwan dubartootaafi waldaaleen dargaggootaa hedduun keessatti argamu.

Ibsa waloo Kamisa darbe baasaniin, qooda fudhatoknni kunneen daandii nagaa Mootummaa Suudaan durfamu jalqabuuf koree qophii adeemsa siyaasaa jalqabuu fi qophii nagaa hunda galeessa ta’eef bu’uura kaa’uu hundeessuufi waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Kanaafis koreen mootummaan hundaa’ee adeemsa siyaasaa jalqabsiisuufi araara waliigalaa diriirsuuf hojiilee bu’uuraa akka hojjetu murteessaniiru.

Gareewwan kunneen waliigaltichi siyaasaafi hawaasummaa Suudaan keessatti waraana hammaataa kana dhaabuuf fedhii waliinii dabalaa akka jiru ibsanii jiru.

Akkasumas, jechoota jibbaafi sanyii irratti hundaa’e dhabamsiisuufi, marii jajjabeessuufi qoqqoodiinsa hawaasaa waraanaan uumame suphuuf akka kaayyeffate eeraniiru.

Akka ibsichaatti, adeemsi siyaasaa haaraa mootummaa waliinii hawaasaa bal’aa irratti hundaa’e,kan haqaa hawaasummaa, walqixxummaa Lammiileefi rakkoolee Mootummaa keessaa kan akka tuffatamuu, hiyyummaafi walqixummaan dhabamu fa’aan furamuun xummuramuu qabas jedhame.

Haa ta’u malee, gareewwan marii irratti hirmaatan hunda biratti waliigalteen kun fudhatama akka hin arganne maddeen gabaasaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *