Raashiyaan Yukireen keessatti naannoo namoota siiviilii irratti haleellaa xiyyaaraa bal’aa raawwatte.!
OFM:Waxabajjii.22/2026.Humnoonni Raashiyaa halkan tokkotti guutuu Yukireen keessatti naannoo namoota siiviilii fi bu’uuraalee misoomaa irratti haleellaa xiyyaaraa bal’aa raawwachuu isaanii qondaaltonni Yukireen himaniiru.
Haleellaan kun diroonii fi misaa’ela fageenna dheeraa 88 kan hirmaachise ta’uun gabaafameera.
Humni Qilleensaa Yukireen akka jedhetti ittisi qilleensaa diroonii qilleensa keessa jiran keessaa 79 kuffisuus, gariin garuu naannoo namoota siiviilii keessa seenuun miidhaa geessiseera.
Haleellaan kun lubbuu namaa fi miidhaa meeshaa dabalataas dhaqqabsiiseera.
Dirooniin Raashiyaa kaaba baha Yukireen magaalaa Sumii, haleellaan walfakkaataan magaalaa kibba bahaa Zaaporizhia keessatti halkan walakkaa kan raawwatame yoo ta’u, aanga’oonni naannoo hanga miidhaa dhaqqabe madaalaa jiru.
Haleellaan qilleensaa yeroo dhiyootti raawwatame kun waldhabdeen Raashiyaa fi Yukireen jidduu jiru hammaataa dhufuun haleellaa fageenna dheeraa gama lachuutiin raawwatamu hammaachuu akka ta’e himama.
