Ogeeyyiin Riqichi daangaa Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa daldala guddisuuf waan guddaa hojjechuu dhiisuu mala jedhu.
OFM:Onkoloolessa.17/2026.Torban kana Chaayinaa fi Kooriyaan Kaabaa riqicha laga Yaangzee irratti ribuu yeroo muranitti, qondaaltonni daangaa haaraan kun akka guddina guddaatti ibsaniiru.
Ministirri Muummee Chaayinaa Li Keqiang riqichi kiiloo meetira 3 (maayilii 1.9) dheeratu kan Chaayinaa Dandong fi Kooriyaa Kaabaa Sinuiju walqunnamsiisu daldala “ciminaan” guddisuu fi “walitti dhufeenna miiraa cimsa” jedhan.
Ministirri Muummee Kooriyaa Kaabaa Paark Tee-soong qaxxaamurri kun “badhaadhina biyyoota lamaanii saffisiisa” akkasumas tumsa diinagdee isaanii keessatti “annisa haaraa akka galchu” akka amanan dubbataniiru.
Xiinxaltoonni hariiroo Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa caalaatti of eeggannoo guddaa godhu.
Riqichi kun Chaayinaa fi Kooriyaan Kaabaa walitti dhufeenya erga Waraana qorraa booda sadarkaa gadi aanaa irra ture deebisuuf tattaaffii taasisaa jiran kan agarsiisu yoo ta’u, qoqqobbii idil-addunyaa irraa kaasee hanga hoggansa Kooriyaa Kaabaa nageennaaf dursa kennuutti gufuulee muudateen abdiin daldalaa gufateera jedhu ogeeyyiin.
Yunivarsiitii Qo’annoo Kooriyaa Kaabaa Kooriyaa Kibbaa Seoul keessatti argamutti piroofeesara kan ta’an Filip Paarkii, “Kun carraaqqii haaraa Chaayinaan Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu cimsuuf taasifte agarsiisa,” jechuun Aljaziiraatti himaniiru.
“Garuu kun walitti makamuu diinagdee gadi fagoo, hirkattummaa Kooriyaa Kaabaa irratti dabaluu ykn kallattii tarsiimoo Piyoongiyaang irratti jijjiirama guddaa fiduu fi dhiisuu isaa gaaffii banaa ta’ee jira.”
”Ririqichi daldalaa fi loojistikii mijeessuu mala, garuu qoqqobbii idil-addunyaa hin kaasu,” jechuun Paarkiin itti dabalanii dubbatan.
Chaayinaan loltoonni isii waraana Kooriyaa bara 1950-53 keessatti Piyoongiyaang waliin kan lolan yoo ta’u, yeroo dheeraaf arjoomtuu dinagdee Kooriyaa Kaabaa isii barbaachisaa ta’ee turte.
Chaayinaan daldala ofiisaa hanga dhibbeentaa 95 biyya dhoysaa, biyyoota addunyaa dippilomaasii fi diinagdeen adda baafaman keessaa tokko ta’e waliin qabdi.
Riqichi laga New Lu River daandii afur qabu Kamisa darbe ifatti osoo hin banamin dura, fe’umsi daandii fi baaburaa Dandong fi Sinuiju jidduu jiru riqicha michummaa Chaayinaa fi Kooriyaa dulloomaa jiru qofaan kan fe’amu ture.
Bara 1943 kan baname, riqichi daandii fi baaburaa daandii tokkoo Konkolaattota hanga toonii 20 ulfaatan qofa fe’uu danda’a.
Yunivarsiitii Kyung Hee Seoul keessatti piroofeesara imaammata alaa Chaayinaa kan ta’an Je-woo Joo akka jedhanitti, riqichi haaraan kun sagantaa niwukilaraa fi misaa’ela Piyoongiyaang irratti qoqqobbii kaa’ameef kutaalee dhoorgaman dabarsuu dabalatee daldala gama lamaan jidduu jiru “haala guddaa” guddisuu danda’a jedhan.
”Kanaaf riqicha kana Chaayinaa waliin banuun baay’ee barbaachisaadha,” jechuun Joo Al Jazeeraaf ibsaniiru.
Walakkeessa bara 2000moota keessa Kooriyaan Kaabaa yaalii meeshaa niwukilaraa taasifte irratti dhiibbaa erga irra gahee booda, hariiroon Beejiing fi Piyoongiyaang pireezidaantii Chaayinaa Xi Jinping fi hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un jalatti ho’aa dhufeera.
Walgahii isaanii isa dhumaa ji’a Waxabajjii keessa gaggeeffame irratti, Xii fi Kiim bara 2018 irraa eegalee kan torbaffaa irratti, hoggantoonni kunneen tumsa daldala, ittisa, qonna, seera, saayinsii fi teeknooloojii guddisuuf waadaa galaniiru.
Xiinxaltoonni hariiroon Beejiing Piyoongiyaang waliin qabdu gadi fagoo ta’uu ishee gartokkoon walitti dhufeenna Moskoo waliin qabdu guddachaa dhufuu isaatiin kan walqabate yoo ta’u, kunis loltoota Kooriyaa Kaabaa kumaatamaan lakkaa’aman gara waraana Raashiyaa Yukireen keessatti bobbaasuu kan dabalatuudha.
Ji’a darbe qondaaltonni Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa riqicha daandii jalqabaa laga Tiyumen irratti biyyoota isaanii walqunnamsiisu bananiiru.
Daldalli biyyoota lamaanii Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa jidduu jiru bara 2025tti dhibbeentaa 25n guddachuun doolaara biiliyoona 2.74 akka ga’u lakkoofsi Bulchiinsa Waliigalaa Gumuruuka Chaayinaa ni mul’isa.
Daldalli biyyoota lamaanii bara 2026 guddachuu itti fufuun, walakkaa waggaa jalqabaa keessatti dhibbeentaa 20 gadi bu’uun doolaara biiliyoona 1.5 ga’uun, erga weerara COVID-19 booda sadarkaa ol’aanaa irra ga’uuf karaa irra kaa’eera.
Garuu guddataa osoo jiruu, daldalli haala daldala addunyaa keessatti xiqqaadha.
Chaayinaan bara 2025tti waliigala daldalaa doolaara tiriliyoona 6.36 yoo gahu, Kooriyaan Kaabaa waliigala kanaaf gumaachi isii dhibbeentaa 0.04 ol xiqqoo ture.
Daldalli ofiisaa ollaa jidduu jiru yeroo bara 2010moota keessa sadarkaa olaanaa irra ture irraa baay’ee gadi aanaadha.
Haalli daldalaa waggoota kurnan kana keessa naannoo doolaara biiliyoona 5-6 yoo ta’u, bara 2013tti doolaara biiliyoona 6.45 gaheera.
Chaayinaan erga qoqqobbii cimtee as of danda’uu diinagdee guddisuuf tattaaffii taasifte dabalatee, kufaatii diinagdee gadi bu’eef ogeeyyiin diinagdee ibsa kennaniiru.
Garee Rakkoo Idil-addunyaa keessatti gorsaan ol’aanaa Peeniinsulaa Kooriyaa Kiriistoofar Giriin, daldalli Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa “bu’uuraan siyaasaan kan hoogganamu” ta’uu isaa yoo ilaalle, barbaachisummaan qaxxaamuraa daangaa haaraa kanaa garmalee ibsamuu hin qabu jedhan.
”Daandiin geejjibaa daangaa qaxxaamuraa jiraachuu dhabuun gufuu guddaa miti,” jechuun Griin Al Jazeeraaf himaniiru.
“Hanga daldalaa gama lachuutiin guddataa jiruuf uwwisa siyaasaa kennuudhaaf riqicha banuuf fedhiin siyaasaa yoo jiraate, haaromsi daldalaa hordofuu qaba,” jedhan Griin, walitti dhufeenyi hanga ammaatti jiru “hanga argatutti tasgabbaa’aa” jechuun hirmaannaa dinagdee ta’uu ibsaniiru.
“Yeroon ni ibsa. Garuu furtuun siyaasa nageenya biyyaati malee dinagdee miti.”
Qondaaltonni riqicha laga Yaaluu haaraan kun tumsa Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa kan calaqqisiisu yoo ta’u, pirojektichi daandii dheeraa fi rakkisaa xummuramuu danda’eera.
Ijaarsi isaa bara 2011 kan eegale yoo ta’u, gama Chaayinaatiin bara 2014 xummurameera.
Garuu aangawoonni Kooriyaa Kaabaa sababa waldhabdee Beejiing waliin uumameen ijaarsi irra deddeebiin erga dhaabbatee booda bara kana qofa daandii qarqara lagaa fi dhaabbilee gumurukaa xummuran.
“Harkifachuun waggoota 12 kun tumsi diinagdee michuu caalaa haal-duree akka ta’e kan agarsiisu ta’uun isaa hin oolu,” jechuun Yunivarsiitii Xaaliyaanii Bocconi keessatti qorataan doktorummaa kan hariiroo diinagdee Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa qoratan Maarkoo Maariin Al Jazeeraatti himaniiru.
“Riqichi kun sochii dhiyeessii fi dinagdee haala mijeessuu kan danda’u yoo ta’u, deeggarsi Raashiyaa filannoowwan humna Beejiing hir’isan ni kenna.” Mari itti dabaluudhaan, “Garuu sun haaromsa dinagdee bal’aa ykn jireenna namoota idilee irratti fooyya’iinsa wal-simu jechuu miti.”
Yunivarsiitii Suffolk keessatti piroofeesara gargaaraa hariiroo Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa qoratan Weiqi Zhang seenaan hariiroo diinagdee Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa pirojektoota hawwataa ta’aniin kan guutame ta’uu ibsaniiru, kanneen akka Zoonii Diinagdee Addaa Hangumpyeong, misooma Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa naannoo Dandong.
“Chaayinaa fi Kooriyaan Kaabaa Zoonii Diinagdee Addaa Hangumpyeong hundeessan – bu’uuraalee misoomaa Chaayinaan gama isheetiin ijaarte, garuu Kooriyaan Kaabaa gama isiitiin karaa illee hin saaqne,” jechuun Zhang Al Jazeeraatti himeera.
”Sababni tokko, mootummaan Kooriyaa Kaabaa akka ollaa isaatti daldala misooma diinagdee irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuu dhabuu isaati,” jedhan Zaang.
“Daldallii idil-addunyaa akka meeshaa imaammata alaatti Kooriyaan Kaabaa itti fayyadamti.”
Chaayinaan akka michuu daldalaatti “barbaachisummaa” isii fi fedhii Kooriyaan Kaabaa hariiroo dinagdee cimsuuf qabdu agarsiisuuf yeroo barbaaddutti daldalli guddachuu danda’a jedhan Yunivarsiitii Oksifoorditti piroofeesara hariiroo idil-addunyaa Edwaard Haawuwel.
Haa ta’u malee, hirmaannaan dinagdee ilaalcha siyaasaa kan qabu ta’a jedhan Howell.
“Kooriyaan Kaabaa moodeela diinagdeesii jijjiiruuf jecha dhiibbaa Chaayinaaf saaxilamuu irraa fagaachuu akka barbaaddu ifaadha, garuu Piyoongiyaang bu’aa dinagdee daldalaa arjooma diinagdeesii isa guddaa waliin taasifamuus haammachuu barbaaddi,” jechuun Howell Al Jazeeraaf ibsaniiru.
