Mormiin farra mootummaa hammaataa dhufuun poolisiin Albaaniyaa rasaasa laastikaa dhukaase.
OFM:Onkoloolessa.17/2026.Poolisiin Albaaniyaa magaalaa guddoo Tiranaatti mormitoota farra mootummaa irratti rasaasa laastikaa dhukaase, yeroo muummichi ministeeraa Edi Raama aangoo gadhiisuuf gaafatameen walitti bu’iinsi hammaate.
Barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi yunivarsiitii sochii ummataa Paartii Soshaalistii jiddu galeessa bitaa bara 2013 irraa eegalee aangoo irra jiru irratti erga hirmaatan booda walitti bu’iinsi Sambata guyyaa shanaffaaf walitti aansuun itti fufeera.
Jeequmsi aarii barnootaa, hoji dhabdummaa fi malaammaltummaa irratti bobba’e kun mootummaa waliin walitti bu’iinsa bal’aa uumeera.
Mormitoonni naannoo waajjira Raamaa fi bakka biroo jiddugala Tiranaatti dhagaa, boombii boba’aa fi ibiddaa darbatan.
Gariin konkolaataa gubuun, kuusaa balfaatiin ibidda qabsiisuun daandii irratti danqaa uumaniiru.
Mormitoonni sarara nageennaa keessa dhiibuun poolisiin gaazii imimmaan nama boochisu, qawwee bishaanii fi uleedhaan deebii kenne.
Dhaabbanni oduu AFP akka gabaasetti poolisiin erga mormiin kun jalqabee yeroo jalqabaaf rasaasa laastikaa fayyadame.
Hogganaan Poolisii Biyyaalessaa Skinder Hita Sambata ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin “dandeettii daangeffameen” bobbaafamuu isaanii dubbataniiru.
Ministeerri Fayyaa fi Nageenna Hawaasummaa akka beeysisetti, Sambata mormitoonni sagalii fi poolisoonni 4 yaalamanii jiru.
Hitaan jeequmsa guyyoota shaniif ture kanaan namoonni 167 to’annoo jala ooluu fi qondaaltonni 132 madaa’uu himaniiru.
Poolisoonni torba himata aangoo seeraan ala fayyadamuu irratti dhiyaate hanga qorannoon gaggeeffamutti hojii irraa dhoorgamaniiru.
Marsaa 4ffaa isaanii kan tajaajilaa jiranii fi aangoo gadhiisuu kan didan Raamaa, Dilbata darbe dhaabbilee daldalaa jeequmsa kanaan miidhaman daawwataniiru.
Barattoota dhaggeeffachuu fi mirga mormii isaanii eeguuf waadaa galee, jeequmsa dabalataa akka hin uumamne garuu akeekkachiiseera.
Barattoonni malaammaltummaa mootummaa waliin kaffaltii yunivarsiitii qaaliin, dhaabbileen barnootaa gaarii hin taanee fi carraan hojii daangeffamuun komii dhiyeessan.
Jalqaba hiriira Sambata gaggeeffamerratti mormitoonni boorsaa tokko ibiddaan gubanii Ministeera Barnootaatti darbatan.
Akka AFP jedhutti tarkaanfiin kun carraa fooyya’aa barbaaduuf Albaaniyaa gadhiisanii akka hin baane kutannoo qaban agarsiisa.
Barattuun gaazexeessummaa Sinaan Bilhaan AFP’tti akka himanitti, ”mirga keenna, egeree keennaa fi biyya fooyya’aa gaafataa jirra,” jedhan.
Mormiin barattootaa kun mormii farra mootummaa ji’ootaaf Sochii Flamingo kan duula misooma turizimii qananiin qarqara galaanaa kibba Albaaniyaa irratti gaggeeffameen jalqabe waliin ta’eera.
Pirojektiin kun dhaabbata invastimantii Jared Kushner, mucaa abbaa warraa pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin hundeeffame waliin kan walqabatuudha.
Ergasii sochiin kun gaaffii isaa babal’isuun Ramaan himannaa malaammaltummaa mootummaa isaanii irratti dhiyaateen aangoo gadhiisuu dabalateera. Jeequmsi kun Tiranaa bira darbee babal’ateera.
Magaalaa qarqara galaanaa Durres keessatti mormitoonni waajjira poostaa mancaasanii daandii irratti ibidda qabsiisuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa akka ibsanitti walitti bu’iinsa kana magaalaa guddoo biyyattii bira darbee babal’isaniiru.
