Teehiraan ammas hanga fedhiin isii eegamutti Washingitan waliin mariin akka hin jirre ibsite.

OFM:Onkoloolessa.21/2026.Iraan hanga fedhii fi dantaan isii mirkanaa’utti Ameerikaa waliin mariin gaggeessitu akka hin jirre Paakistaanitti himuu miidiyaan biyyattii gabaase.

Haalli kun, Paakistaan tattaaffii jaarsummaa taasisaa jiraattus haalli marii US fi Iraan daran ulfaataa ta’aa jiraachuu mul’isa.

Pireezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Ministira ittisaa Paakistaan Fiild Maarshaal Asim Muniir waliin Tehraanitti walarguun dhimma kanarratti mari’ataniiru.

Paakistaan jaarsummaa US fi Iraan jidduutti eegalte ammallee biraa duubayyi hin deebine.

Sababa jaarsummaa kanaa waliigalteen wal hubannoo Waxabajjii darbe irra ga’amee turus garuu bu’aa eegame fiduu hin dandeenne.

Waliigalteen mallattaa’ee torban osoo hin guutin US fi Iraan wal haleeluutti deebi’an.

Muniir Afa-yaa’ii Paarlaamaa Iraan Mohammad Baqir Qalibaaf waliinis walargeera.

Qondaalli Iraan kun hanga haaldureewwan torba biyyisaanii dhiheessite guutamutti mariin akka hin jiraanne ibsan.

Iraan ji’a darbe Hulaan Hormuuz akka banamuuf haaldureewwan torba tarreessitee turte.

US buufataalee handaara galaanaa Iraanitti gufuu ta’uu akka dhaabdu, qoqqobbiin boba’aa isiirraa akka ka’u akkasumas dhukaasni adda waraanaa hunda irraa akka dhaabbatu kanneen jedhan haaldureewwan Iraan dhiheessite keessati.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *