UKn haleellaa Huutiin Sa’ud Araabiyaarratti gaggeessu qolachuuf xayyaarota waraanaa bobbaasuufi.

OFM:Onkoloolessa.21/2026.Mootumman UK haleellaa misaa’elaafi diroonii hidhattoonni Huutii Saawudiirratti gaggeessan qolachuuf xayyaarota waraanaa gara Sa’udiitti akka ergu beeysise.

Kaayyoon xayyaarota waraanaa bobbaasuu magaalotaafi bu’uuraalee misoomaa Saawudii haleellaa Huutiin gaggeessaa jiru irraa qolachuuf akka ta’e ibsan Ministiirri Muummee UK Andii Barnihaam.

Mootummaan Yaman Sa’udiin hogganamuufi Huutii jidduutti lolli cimaa deemuu hordofee Huutiin buufata xayyaaraa Saawudii dabalatee bu’uuraalee anniisaa biyyattii misaa’elaafi dirooniin haleelaa jira.

Biyyoonni michuu Saawudii ta’an ammoo deeggarsa ittisaa kennuuf beeysisaa jiru.

Masiriin guyyootaan dura Saawudiif deeggarsa barbaachisu akka ergitu beeysisteetti.

UKn ammoo xayyaarota waraanaa Taayifuun jedhaman erguun haleellaa dirooniifi misaa’elaa Huutiin gaggeessu qolachuun Saawudii akka deeggartu ifa gooteetti.

Ministiirri Ittisaa UK Wees Istiitings ibsa har’a kennaniin,”Xayyaaronni waraanaa kunneen haleellaa gaggeeffamu qolachuuf malee Huutii irratti haleellaa hin gaggeessan,” jedhan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *