Muddama Itiyoophiyaa fi Ertiraa jidduutti hammaataa dhufe hordofee,Biyyoonni G7 ibsa baasan.

OFM:Sadaasa.11/2026.Biyyoonni G7 jedhaman ibsa waloo kennaniin haalli nageennaa Gaanfa Afrikaa keessattuu Itiyoophiyaa fi Ertiraa jidduutti hammaataa dhufe isaan yaaddessuu ibsan.

Walgahii guyyoota lamaaf Paarisitti gaggeessan hordofuun, ministiroonni haajaa alaa biyyoota miseensa garee kanaa har’a Sadaasa 11/2026 ibsa waloo baasaniin, ”waldhibdeen Itiyoophiyaa fi Ertiraa jidduu jiru, gara walitti bu’iinsa guddaa naannawaatti guddachuun balaa qabaachuu akka danda’u” akeekkachiisaniiru.

Ministirootni dhimma alaa biyyoota addunyaa G7 Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Yunaayitid Kingidamii fi Ameerikaa dabalatee, bakka bu’aan ol’aanaa Gamtaa Awurooppaas walgahii guyyoota lamaaf turu kana irratti hirmaataniiru.

Ibsi waloo kun, haalli amma Itiyoophiyaa fi Ertiraa jidduu jiru kanarraa hammaataa deeme, tasgabbii naannawa duraanuu rakkoolee hedduun miidhame irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u akeekeera.

Akkasumas, rakkoolee namoomaa fi nageennaa Gaanfa Afrikaa daran hammeessuu fi daandiiwwan daldala addunyaa Galaana Diimaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u yaaddoo isaanii ibsaniiru.

Kanaaf Biyyoonni G7 qaamolee hundi obsa akka qabaatan, rakkoo jiru karaa waraanaa osoo hin taane karaa marii fi diplomaasiitiin akka furan gaafatan.

Dabalataanis, qarqaarsi namoomaa namoota rakkoo keessa jiraniif gufuu tokko malee akka ga’u, akkasumas lammiileen nagaa, keessumaa dubartoonni fi daa’imman akka eegaman waamicha dhiyeessaniiru.

Kana malees, biyyoonni naannawaa sana jiran hundi birmadummaa, fi daangaa biyyoota biroo kabajuu akka qaban akeekkachiisan.

Itti dabaluunis, Biyyoonni G7, muddama biyyoota lamaan jidduu jiru hir’isuuf, akkasumas Itiyoophiyaa fi Ertiraan gara mariitti akka deebi’an gochuuf, Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaatiin tattaaffii taasifamu akka deeggaruu itti fufanis ibsaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *