Dimookiraatawaa Koongoo keessatti lakkoofsi namoota Iboolaan qabamanii 11,000 ol darbe, namoonni 5,387 du’an.
OFM:Sadaasa.11/2026.Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti lakkoofsi namoota Iboolaan qabaman 11,042 gaheera; yoo xiqqaate namoonni 5,387 du’aniiru.
Lakkoofsi Kiibxata darbe ba’e kun kan ba’e yeroo abbootiin taayitaa fayyaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo weerara Iboolaa seenaa biyyattii keessatti isa guddaa fi lubbuu namaa galaafatu to’achuuf rakkataa jiranitti.
Weerarri vaayirasii kun gosa vaayirasii Iboolaa baay’ee hin argamne gosa Bundibugyo jedhamu irraa kan dhufeedha.
Amma weerara Afrikaa Dhihaa bara 2014-2016 booda qofa weerara Iboolaa isa guddaa fi lubbuu namaa galaafatu galmee irratti galmaa’e keessaa isa lammaffaa yoo ta’u, Weerarri sun namoota 28,600 ol kan qabe yoo ta’u, 11,000 ol ammoo ajjeeseera.
Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bulchiinsa 26 keessaa saddeet weerara vaayirasichaan kan miidhaman yoo ta’u, du’a hedduun dhaabbilee fayyaatiin alatti mudateera.
Harkifachuun adda baafamuu, walitti bu’iinsi fi hanqinni tajaajila fayyaa vaayirasichi weerara kanaan duraa caalaa saffisaan akka babal’atu gumaacheera.
Talaalliin ykn yaaliin addatti gosa Bundibugyo kan namoota vaayirasichaan qabaman keessaa gara walakkaa ajjeesu hin jiru.
Jalqaba baatii kanaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaaliiwwan kilinikaa talaallii Iboolaa haaraa lamaa raggaasisuun jalqaba bara 2027tti bu’aa akka eegu ibseera.
Amma Afrikaa Bahaa, Jiddugaleessaa fi Dhihaatti namoonni vaayirasichaan qabaman kan mul’ate yoo ta’u, weerara Iboolaa hanga har’aatti ardii kanarratti babal’ate taasiseera.
