MM Abiyyi “Namni kamiyyuu gara daangaa Itoophiyaa dhufee, Itiyoophiyaa weeraree kabajaan deebi’uu hin danda’u”jedhan.
OFM:Sadaasa.26/2026.Yaa’ii Idilee 4ffaa Waggaa 1ffaa bara Hojii 7ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa ta’amerratti Gaaffilee miseensota paarlaamaarraa dhiyaatiniif deebii kan kennan MM Dr Abiyyi, Itiyoophiyaan fedhii biyya kamiyyuu haleeluu akka hin qabne himaniiru.
“Fedhii eennuyyuu haleeluu hin qabnu. Nuhi kan hidhanne Itiyoophiyaafi qaxanicha haala walxaxaa amma mul’aturraa ittisuufi”
Raayyaa Ittisaan walqabatee itti fayyadama tekinoloojii dhaabbatichaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan MM Abiyyi Ahmad, Raayyaan Ittisaa omishaalee omishuun baasii isaa sadarkaa ol’aanaan akka uwwisu gama gochuutiinis,hojii hedduun hojjatamaa jiraachuu himan.
“Bara darbe Raayyaan Ittisaa omisha doolaara miiliyoona dhibbaan tilmaamamu alatti ergera jedhan.
Akkasuma rasaasa, dirooniifi suuphaan xayyaaraa galii ol’aanaa galchuu akka danda’an” dubbatan.
Gama biraatiin xayyaarota waraanaa SU-35 kaluu kana Raashiyaarraa bitamuun isaanii ifoome ilaalchisee biyyoonni dhiyeennatti argaman tokko tokko yaaddoo ibsachuus kaasaniiru.
“Dhaabbatichi ijaaramaa kan jiru Itiyoophiyaa qofaaf miti jedhan Muummeen Ministeera Dr.Abiyyi.
Qaxanaa keennaaf nuti obboleessa hangafaati. Barbaadamus dhiisus oboleessa hangafaati. Diinagdeenis, bal’ina biyyaatinis, baay’ina ummataanis” .
Haa ta’u malee yaadni ‘nu haleeluufi’ jedhu darbee darbee akka dhagahamu kan himan MM Abiyyi Ahmad, xayyaarota SU-35 dhiyeenna hidhanne ilaalchisee biyyoonni tokko tokko kongirasii Ameerikaa rakkisu” jedhan.
“Itiyoophiyaan hidhatte, qoqqobbii irra kaa’aa, sirrii miti’ jechuuf rakkatu. Nuhi kan hidhanne Itiyoophiyaafi qaxanicha haala walxaxaa amma mul’aturraa ittisuufi.
Dabalataanis “Xayyaaronniifi sirnoonni ittisa qilleensarraa nuhi hidhannu fagoorraa haleeluun mootummootaaf qofa osoo hin taanee shororkeessitootaafis gocha salphaa ta’aa waan dhufeefi” jedhan MM Abiyyi.
Itiyoophiyaa seenaashee keessatti biyya kamiyyuu weerartee akka hin beeknes kaasuun gara fulduraatis fedhiin sun hin jiru jedhan.
“Guddaas ta’e xiqqaan beekuu kan qabu garuu namni kamiyyuu gara daangaa Itiyoophiyaa dhufee, Itiyoophiyaa weeraree kabajaan deebi’uu hin danda’u” jechuunis dubbataniiru.



