OFM:Sadaasa.02/2025-Kirkirri Lafaa naannawa magaalaa Addigiraatitti reektar iskeelii 5.2 muudate. Qorannoo Ji’ooloojii Yunaayitid Isteetis akka gabaasetti Dilbata har’aa kirkirri lafaa safara reektar iskeelii 5.2 ta’e, naannawa magaalaa Addigiraatirraa gara bahaatti kiiloo meetira 46 fagaatee argamutti muudateera. kirkirri lafaa muudate kunis Guyyaa keessaa akka lakkoofsa sa’atti biyyattiitti Sa’atii 5 fi daqiiqaa 14 akka ta’e Ejensichi addeesseera. Itiyoophiyaatti Adoolessa darberraa eegalee kirkirri lafaa irra deddeebiin muudatus, Bara kana kirkirri lafaa Naannoo magaalota Tigraayitti kan galmaa’e yeroo jalqabaati. Jiddu-galli Seesmooloojii Meditiraaniyaanii Awurooppaa (EMSC) akka agarsiisutti kirkirri lafaa har’aa naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Eertiraa; Guddinni isaa reektari iskeelii 5.3 akka safarame gabaafameera. Kirkirri lafaa torbee tokko dura Eeritiraa muudate safartuu reektari iskeeliin 4.6 galmaa’eera. Kirkirri lafaa kun naannoo Asmaraa irraa gara kaabaatti kiiloo meetira 24 fagaatee, Galaana Diimaa irratti muudate. Walakkeessa baatii Muddee keessas kirkirri lafaa walfakkaataan biyyattii keessatti galmaa’eera. Baatii Bitootessaa 2015 keessa, Kirkirri lafaa naannoo Odola Dahlaak qarqara galaanaa Eritiraatti muudate; Naannoo Tigraay magaalonni adda addaa kirkira lafaa kanaan irra deddeebiin raafamaa akka turanis Dhaabbanni Ejensii Qorannoo Ji’ooloojii Yunaayitid Isteetis yaadachiiseera.