Qabeenna bineensota Bosonaa irraaItiyoophiyaan galii waggaatti argattu Birrii miiliyoona 150 kan caalle ta’uu ibsame.OFM:Itiyoophiyaan galii waggaatti qabeenna bineensota bosonaa irraa argattu Birrii miiliyoona 150 akka hin caalle Abbaan Taayitaa Misooma fi Kunuunsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa beeysise.Daayreektarri abbaa Taayitichaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa DhPI’tti akka himanitti, Itiyoophiyaan galii qabeenna bineensota bosonaa irraa argattu baay’ee xiqqaa ta’uu eeruun, galiin waggaatti argame birrii miiliyoona 150 kan hin caalle jedhan.Galiin biyyoonni biroo qabeenna bineensota bosonaa irraa argatan diinagdee isaaniif deeggarsa guddaa akka ta’e Obbo Kumarraan himaaniiru.Faallaa kanaatiin, galiin Itiyoophiyaan bineensota bosonaa irraa argattu guddina diinagdee biyyattiif gumaacha xiqqaa akka qabu ibsan.Kana malees paarkiiwwan hanga barbaadamutti misoomuu dhabuu fi qabeenna kana eeguuf baajata xiqqaa ramadame irraa kan ka’e galiin biyyattiin bineensa bosonaa irraa argattu gadi aanaa ta’uu eeraniiru.Mootummaan dameen kun madda diinagdee guddaa akka ta’u amanee galii xiqqaa bineensota bosonaa irraa argamu guddisuuf paarkiiwwan keessatti bakkeewwan turizimii misoomsuuf hojjetaa jiraachuu Daayreektarri Abbaa Taayitichaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *