Tiraamp, Putiniin ‘hiriyyaa kiyya’ jennaan Zeleniskiin inni hogganaa ‘nama ajjeesu’ jechuun qeeqe.

OFM:Sadaasa.21/2026.Pireezidaantiin Yuukireen, Volodmiir Zeleniskii, pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiniin “inni nama nama ajjeesu” jechuun ibse.

Doonaald Tiraamp Putiniin ”michuu kiyya” jedhanii waamuu isaanii hordofee Zeleniskiin ammoo inni (Putin) Yuukireeniif garuu ”diina” jedhe.

Gaaffii fi deebii CNN waliin taasiseen, Zelenskiin, Tiraamp, Putiniin maqaa barbaadeen waamuu danda’a. Inni (Putin) garuu Yuukireeniif ”diina isaanii fi nama ajjeesaadha” jedhe.

Tiraamp torban kana Chaayinaa keessatti hogganaa Chaayinaa Xi Jinping fi kan Raashiyaa Vladimir Putin waliin walga’ii irratti hirmaachuun dura, Putin “michuu kiyya” jechuun waamee, hariiroon isaanii waggoota hedduuf gaarii akka ture ibse.

Guyyaa Jimaataa immoo haleellaa Raashiyaan magaalaa Yuukireen Kiiv keessatti geessissiteen yoo xiqqaate namoonni sagal lubbuu isaanii dhabaniiru; buufataalee baaburaa fi riqichootnis miidhamaniiru.

Kun erga Yuukireen riqicha Kireemiyaa irratti haleellaa raawwatteeti.

Pireezidaantiin Yuukireen, Volodmiir Zeleniskii, haleellaa yeroo dhiyoo kana Raashiyaan raawwatte “haleellaa bara kana keessatti isa hamaa fi guddaa” jechuun ibse.

Akka inni jedhetti, Raashiyaan misaa’ilota 110, isaan keessaa 27 misaa’ela baallistikii, akkasumas diroononni 400 ol ta’an fayyadamuun Yuukireen irratti haleellaa raawwataniiru.

Sa’aatii muraasa haleellaa kanaa booda, Doonaald Tiraamp Waayit Haawus keessatti ibsa kennaniin, Putin waraana kana xumuruuf fedhii qaba.

“Zeleniskii fi Putin lamaan isaanii waraanni akka dhaabbatu barbaadu. Anis isaanii waliin hariiroo gaarii qabaachuun kiyya waan gaarii dha,” jedhe.

Tiraamp ammas Putiniin “michuu kiyya” jechuun waamuu isaaniirra deebi’uun dubbate.

Haa ta’u malee, Zeleniskiin yaada kana hin fudhanne. CNN waliin yeroo dubbatu, ”Tiraamp Putiniin waan barbaade jedhee waamuun isaa dhimma isaa dha. Garuu nuuf Putin diina keenna, nama ajjeesaa dha,” jechuun dubbate.

Zeleniskii akka jedhetti, Putin guyyaa fi halkan biyya isaa irratti haleellaa raawwachaa waan jiruuf namoonni hedduun addunyaa irratti akka nama ajjeesaatti isa ilaalu.

Dabalataanis, Putin “hiriyyaa” jechuun waamuun dhiibbaa gahaa irratti akka hin uumamne kan agarsiisudha” jechuun dubbate.

Gama biraatiin, Poolaand akka beeysiftetti, yeroo haleellaan guddaan Yuukireen irratti mootummaa Raashiyaatiin raawwatamaa turetti, wantoonni sadii daangaa qilleensaa isii cabsanii seenuun isaanii mirkaneessite.

Isaan keessaa tokko misaa’ila mootummaa Raashiyaa ta’uu himameera.

Muummeen Ministiraa Poolaand, Doonaald Taaski, yeroo mootummaa Awurooppaa fi NATO naannawaa sana keessatti leenjii waraanaa gaggeessaa turanitti kun dogongoraan ta’e jechuun amanuun rakkisaa dha jedhe.

Namni miidhame yookaan qabeenni barbadaa’e hin jiru. Haa ta’u malee, mootummaa Poolaand gocha kana “dubbii barbaacha mootummaa Moskoo irraa dhufe” jechuun ibseera.

Hogganaa Ol’aanaan NATO, Mark Rutte, gochaa daangaa qilleensaa Poolaand cabsuun raawwatame kana cimsinee balaaleffanna jechuun ibse.

Xiyyaaronni waraanaa NATO balaa kanaaf deebii kennuuf battalatti akka kaafaman beeysiseera.

Raashiyaan garuu hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada hin kennine.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *