Burukiinaa Faasoon qorichi aadaa dabalataan manneen qorichaa keessatti akka gurguraman murteessite.
OFM:Fulbaana.09/2026.Waggoota kurnan lamaan darbaniif fayyaan lammiilee Afrikaa warshaalee warra dhihaa fi maallaqa biyya alaa waliin hidhamee ture.
Qorichi aadaa abbootiin keenna dhukkuba fayyisuuf itti fayyadaman “duubatti hafummaa fi falfala” jedhamee yommuu waamamu, beekumsa biyya keessaa laamshessuu qofa osoo hin taane qoricha biyya alaa gatii guddaadhaan akka bitannu nu dirqisiise.
Amma garuu Burukiinaa Faasoon gocha kana guutummaatti diddee boqonnaa haaraa bantee jirti.
Ministeerri Fayyaa biyyattii oomishaalee 53 kanaan dura Federeeshinii Ogeessota Qoricha Aadaa irraa beekamtii argate dabalatee, qoricha aadaa haaraa 18 ol akka biyyaatti fayyadamuuf ifatti raggaasiseera.
Qorichootni kunneen beekumsa abbootii keennaa dhalootaa dhalootatti darbaa turee fi saayinsiidhaan qoratamee raggaasifame irratti kan hundaa’an malee, bosona keessaa salphaatti kan walitti qabaman miti.
Ummanni biyyattii dhibbeentaa 80 ol qoricha aadaa kan fayyadamu ta’us, mootummaan beekumsa aadaa akka saayinsii dhugaa fi qaama sirna fayyaa ta’etti ofiisaatiin beekamtii kennuun isaa tarkaanfii guddaa fuulduratti kan tarkaanfachiisu tahuutu himama.
Murteen kun Burukiinaa Faasoo abbaa biyyummaa fayyaa isii isa dhugaa mirkaneessuuf carraa ta’a.
Tarkaanfiin kun, Sirna fayyaa qabeenna biyya keessaatiin ijaaruun qoricha biyya alaatii galchuuf hayyama Baankii Addunyaa barbaaduu fi kaaznaa biyyattii maallaqa biyya alaa keessaa dhangalaasuu irraa akka baraaru himama.
Murteen kun saayinsii ammayyaa dhiibuu osoo hin taane, beekumsi Afrikaa dhaabbilee qorichaa biyya alaatiif salphaatti meeshaa ta’uurra, akka qabeennaafi ogeessa dirree fayyaa addunyaatti bakka isaaf malu akka qabatu mirkaneessuudha jechuun miidiyaaleen biyyattii gabaasuurratti argamu.
Burukiinaa Faasoon kana booda qoricha eegduu fi itti fayyadamaa qofa ta’uu bira darbitee biyya omishaa qabeenna mataa isiitiin ummata ofii fayyisuu dandeessu ta’ee qoricha mataa isii sheelfota mana qorichaa irratti kaa’uu eegaluuf murteessiteetti.
