USn gurgurtaa meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 6.1 Sa’uudii Arabiyaa, Iraaqii fi Omaaniiif raggaasifte.
OFM:Fulbaana.06/2026.Baha jiddu galeessaa keessatti waldhabdeen naannoo dabalaa dhufe hordofuun mootummaan Ameerikaa gurgurtaa meeshaa waraanaa fi qarqaarsa waraanaa Doolaara biiliyoona 6.1 Sa’uudii Arabiyaa, Iraaqii fi Omaaniif raggaasiseera.
Saawud Arabiyaan paakeejii meeshaa waraanaa kana bittuu guddaa yoo taatu, gurgurtaan isii doolaara biiliyoona 5tti tilmaamama.
Kunis meeshaalee qajeelfama boombii JDAM-ER 10,000 ol fi dhoo’aa kumaatamaan lakkaa’aman dabalata.
Kana malees, Waashingitan taankii M1 Abrams’f motora AGT-1500 60 dhiyeessuuf waliigaltee addaa doolaara miiliyoona 750 raggaasifteetti.
Iraaq ammoo helikooptaroota Bell 412EPX doolaara miiliyoona 150 bitachuuf ibsa magariisaa argatteetti, kana malees doolaara miiliyoona 800 bittaa kanaaf hayyamame.
Oduu walfakkaatuun Omaan xiyyaarota waraanaa F-16 isiif suphaa fi meeshaalee qaraaarsaa doolaara miiliyoona 188 akka argattu hayyamamtee jirti.
Murteen Ameerikaa kun kan murtaa’e yeroo waldhabdeen Ameerikaa fi Iraan jidduutti cimee itti fufee jiruu fi haleellaan misaa’elaa fi diroonii Galoo Galaana Pershiyaa keessatti itti fufee jirutti.
Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets gaaffiin gurgurtaa kunneen gara Kongireesii Ameerikaatti kan ergame yoo ta’u, murteen dhumaa osoo hin kennamin dura adeemsa gamaaggama kongireesii barbaachisaa ta’e keessa ni darba jedheera.
Kanaafuu lakkoofsi meeshaalee dhumaa fi baasii waliigalaa jijjiiramuu danda’a.
Tarkaanfiin kun yeroo waldhabdeen naannoo cimaa ta’etti Waashingitan dandeettii waraanaa michoota isii ijoo Galoo Galaanaa fi Baha Jiddugaleessaa keessatti argaman saffisaan cimsuuf tattaaffii taasiftu ta’ee ilaalama.
