Mariin niwukilaraa Iraanii fi Ameerikaa jidduutti Xaaliyaanii Roomitti gaggeeffame jijjiiramni guddaan akka hin argamne himame. OFM:Caamsaa.25/2025-Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araghchi ”hanga ammaatti mariin ogummaa baay’een raawwatameera” wayita jedhan, jiddu-galeessituun Omaan garuu jijjiiramni kun daangeffamaadha jedhan. Mariin marsaa 5ffaa Xaaliyaaniitti kan geggeeffame yoo ta’u, ergamaan addaa Doonaald Tiraamp Baha Jiddu Galeessaa, Istiiv Wiitkoof kan marsaa afran hooggane, fi Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchi hirmaataniiru. Jiddu-galeessa Omaan Badr Al-Busaidi mariin Imbaasii Omaan Xaaliyaanii keessatti gaggeeffame dhimmoota kana hin furre jechuun cimsanii dubbataniiru. Guyyoota itti aanan keessatti gam-lachuun garaagarummaan yaadaa akka dhiphatu abdiin kan ibsan Al-Busaayidiin, rakkoo furuuf ni hojjanna jedhaniiru. Mariin marsaa dabalataa akka gaggeeffamu, akkasumas waadaa gama lameenii marii niwukilaraa nagaan akka xummuramuuf furtuu ta’uu ibsameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *