Dubaay balalii yaalii taaksii qilleensaa gaggeessite.
OFM:Adoolessa.02/2025-Dubaay yaalii taaksii qilleensaa elektirikii Baha Jiddu Galeessaa keessatti, isa jalqabaa taasifte.
Yaaliin kun Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Emireet fi teessoo isaa Ameerikaa kan ta’e Joby Aviation waliin ta’uun naannoo sadarkaa addunyaa Barhamaatti kan gaggeeffame ta’uu dhaabbanni oduu Xinhua gabaaseera.
Yaaliin taaksii qilleensarraa kun Dubaay tajaajila geejjibaa gara fuula duraatiif mijatu jalqabsiisuuf kutannoo akka qabdu kan agarsiisudha jedhan Sheek Hamdan bin Mohaammad bin Rashiid Al Maktuum.
Taaksiiwwan kunneen sa’aatii tokkotti hanga kiiloo meetira 320 balali’uu akka danda’an kan himamu yoo ta’u, gariin ammoo hanga kiiloo meetira 360 akka balali’an gabaafameera.
Taaksiiwwan balali’an kanneen daandii balalii malee ka’anii osoo hin ho’in bakka itti deemanitti bu’an jedhaman magaalota namaan guutamanii fi dhiphina qabaniif furmaata gaarii ta’uu himama.
Taaksii balali’aa balaliisaa dabalatee namoota afur fe’uu danda’u kun magaalota namaan guutamanii fi dhiphina qabaniif furmaata gaarii akka ta’an himama.
Bara 2026tti buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Dubaayitti naannoo buufata xiyyaaraatti banamuuf karoorfamuu isaa Xinhua’n qondaala kutaa geejjibaa Emireet waabeeffachuun gabaaseera.