Baankii Misooma Afrikaa Waggaatti Afrikaan sababa Malaammaltummaan Doolaara Biiliyoona 580 dhabdi jedhe.
OFM:Hagayya.25/2025-Baankiin Misooma Afrikaa Afrikaan malaammaltummaa fi daddabarsa maallaqaa seeraan alaatiin waggaa waggaan doolaara biiliyoona 580 ol akka dhabdu ibseera.
Akka Pireezidaantiin baankii kanaa Dr. Akinwumi Adesina jedhanitti, qisaasama maallaqaa guddaan kun guddina dinagdee ardii kanaa saffisiisuu qofa osoo hin taane ba’aa liqaa gara doolaara tiriliyoona 2tti dhiyaatu hammeessaa jira.
Pireezidaantichi haala kana “Huubboo bishaan itti dhangala’u guutuu” jechuun ibsaniiru; Afrikaan qabeenna maddisiisuu dadhabuu isii agarsiisa.
Akka Baankiin Misooma Afrikaa jedhutti Afrikaan daddabarsa maallaqaa seeraan alaa, bu’aa dhaabbilee fi malaammaltummaatiin guyyaa guyyaan doolaara biiliyoona 1.6 ol dhabdi.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia