Tiraamp US’n bara 2026 booda gargaarsa waraanaa fi maallaqaa waggaatti Israa’eliif kennitu doolaara biiliyoona 4 akka addaan kuttu beeysisan.

OFM:Sadaasa.03/2026.Tiraamp Kiibxata kaleessaa gaaffiifi deebii Fox News waliin taasisaniin murteen kun kan murtaa’e bu’uura muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin taasifameen ta’uu ibsaniiru.

Ameerikaan doolaara biiliyoona 4 waggaatti Israa’eliif kennitu, Israa’el biyya diinagdee fi teeknooloojiin guddatte waan taateef qarqaarsi kun waan hin barbaanneefi jedhan.

Qarqaarsa kanaan alatti Israa’el meeshaalee waraanaa Ameerikaa irraa bitachuu akka dandeessu ibsuun, yoo barbaachisaa ta’e Ameerikaan deeggarsa gochuu itti fufti jedhaniiru.

US fi Israa’el waliigaltee gargaarsa nageennaa waggaatti doolaara biiliyoona 3.8 kan hanga bara 2028tti turu qaban yoo ta’u, murteen haaraan kun garuu dhuma bara kanaa booda qarqaarsa kana ni xummura.

Xiinxaltoonni siyaasaa murteen kun madaallii humnaa Baha Giddu Galeessaa jijjiiruu danda’a jedhan.

Israa’el baajata ittisa mataa isii irratti akka hirkattu taasisa, garuu hirkattummaa maallaqaa isii hir’isuun gama gaarii fi laafina mataa isaa qaba jedhu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *