Indeeksii Nageenna Addunyaa (GPI) Itiyoophiyaan tarree biyyoota addunyaa nagaa xiqqaa qaban keessaa tokko jedhe.

OFM:Hagayya.25/2025-Indeeksii Nageenna Addunyaa (GPI) Itiyoophiyaa fi Eertiraan biyyoota nagaa xiqqaa qaban jechuun addunyaa keessaa sadarkaa gadii irra kaa’eera.

Biyyoota 163 keessaa Itiyoophiyaan biyyoota 25 dursuun sadarkaa 138ffaa irratti kan argamtu yoo ta’u, Eertiraan ammoo sadarkaa 132ffaa irratti argamti.

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa 44 indeeksii nagaa keessatti hammataman keessaa sadarkaa 36ffaa irratti kan argamtu yoo ta’u, Eertiraan ammoo sadarkaa 32ffaa irratti argamti.

Biyyoota madaallii kana keessatti hammataman keessaa Itiyoophiyaa fi Eertiraan tarree biyyoota sadarkaa nagaa gadi aanaa qaban Indeeksii Nageenna Addunyaa bara 2025 keessatti hammatamaniiru.

Dhaabbanni Inistiitiyuutiin Diinagdee fi Nageennaa (IEP) tarree biyyoota nagaa sadarkaa ol’aanaa qaban qopheessu Aayislaandi biyya addunyaa nagaa qabdu jechuun sadarkaa kaa’eera.

Gama biraatiin, Burukiinaa Faasoo gabaasa kana keessatti biyya balaa shororkeessummaa addunyaa irratti sadarkaa ol’aanaa qabdu ta’uun kan kaafamte yoo ta’u, biyyoota addunyaa irratti balaa shororkeessummaa sadarkaa olaanaa qaban kudhan keessaa jaha Afrikaa Sahaaraa gadii keessa jiru.

Indeeksii nagaa addunyaa keessaa sadarkaa gadii kan jiran Raashiyaa fi Yukireen yoo ta’an, lamaan isaanii waggoota sadan darbaniif waraana keessa kan turan ta’uu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *