Moskoon Baha Afrikaa keessatti michuu tarsiimoo akkaTaanzaaniyaa hin qabu jette!

OFM:Hagayya.26/2025-Doonii leenjii Smolensk qaama doonii Baaltik Raashiyaa ta’ee fi ergama leenjii fageenna dheeraa irra jirtu, daawwannaa leenjii fageenna dheeraadhaaf dhiyeessii bishaan dhugaatii, boba’aa fi nyaata isii guutuuf Taanzaaniyaa Daares Salaam galte.

Dooniin leenjii Raashiyaa Taanzaaniyaa keessa jiraachuun isii humnoota addunyaa Afrikaa keessatti bakka miila dhabattu argachuuf wal dorgoman keessaa tokko kan taate Moskoon, Taanzaaniyaa akka karra ollaa isii lafaan hin marfamneetti fayyadamuu fi isaan keessatti bakka miila hundeessuuf yaadaa akka jirtu agarsiisa jedhameera.

Ministeerri Ittisa Raashiyaa akka beeysisetti Hariiroo Raashiyaa fi Taanzaaniyaa cimsuuf jecha Taanzaaniyaa qaama ergama leenjii fageenna dheeraa isii taasifteetti.

Dooniin Smolny, kan hojjettoota galaanaa 300 ol fe’atte, daawwannaa leenjiif Taanzaaniyaa, Daares Salaam kan geesse yoo ta’u, bishaan dhugaatii, boba’aa fi nyaata isii guutuu kan dandeesse yoo ta’u, simannaan ho’aan akka taasifameef ibsaniiru.

Dhaabbanni oduu Raashiyaa kun akka gabaasetti daawwannaan Taanzaaniyaa kun qaama daawwannaa fageenna dheeraa kan kanaan dura buufata doonii Afrikaa shan; Ikuwaatooriyaal Giinii keessatti argamu Malaboo, biyya odola Jiddugaleessa Afrikaa Sa’oo Toomii fi Prinsipe, Rippabiliika Koongoo Pooyint-Nooree fi Afrikaa Kibbaa Keep Taawun dabalatee ta’uu gabaaseera.

Raashiyaatti Ambaasaaddarri Taanzaaniyaa Andiree Aveetisiyaan biyyoonni lamaan waliigaltee biyyoota lamaanii baatii Waxabajjii 2024 keessa mallattaa’anii wajjin kan walsimuudha.

Kunis Akkaatuma Waliigaltee Waxabajjii 2024 walsimuun daldala maallaqa biyyaalessaa isaanii guddisuuf hojjetaa akka jiran ibsuun, tarkaanfiin kun qaama hirkattummaa doolaara Ameerikaa irratti hirkattummaa hir’isuuf fudhatame keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

•Gabaasa kanaaf Gaazexaa Moscow Times barruu Tanzania’s Communications All Africa irraa fayyadamne.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *