Tiraamp Waraanni Gaazaa yeroo gabaabaa keessatti xummura argata jedhan.
OFM:Hagayya.26/2025-Doonaald Tiraamp Israa’elifi Hamaas jidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jiraatu dhiibbaa akka godhu gaafatan
Bulchiinsi Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Hamaas wajjin waliigaltee gochuun namoota butaman akka deebisiisuuf lammiileen Israa’el hedduun hiriira bahuun gaafataa jiru.
Gama biraan ammoo Doonaald Tiraamp Gaazaatti dhukaasni dhaabatee namoonni butaman akka deebifaman dhiibbaa akka godhuufis gaafataa jiru lammiileen Israa’el hiriira bahaa jiran kun.
Doonaald Tiraamp Gaazaatti dhukaasni dhaabatee nagaan akka bu’u yeroon itti labsamu fagoo akka hin taane abdachiisan.
Kana milkeessufis Ministiira Muummee Israa’el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu wajjin dubbachuu beeysise.
“Yeroo dhiyootti (waraana kana) xummura akka itti gootu” jechuun jala muree akka itti dubbate ibsa Tiraamp.
“Torbanoota lamaan sadan dhufanitti waraanicha bifa waaraa ta’een xummura ni argata jedheen yaada,” jechuun gaazexeessitootatti hime Tiraamp.
Haalli Gaazaa keessa jiru baay’ee hamaa ta’u kan dubbate Tiraamp, “namoonni baay’een du’aa waan jiraniif xummura akka argatun barbaada,” jedhaniiru.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia