Waraana Bilisummaa Oromoo fi Faannoo jidduutti mariin taasifamaa jiraachuun ibsame.

OFM:Hagayya.27/2025-Gareen lameen walwaraansa dhaabuu fi waliigaltee walwaraanuu dhiisuu hin labsamne taasisanii jiru jechuun Africa Intelligence gabaaseera.

Kanaafis mariin ifa hin taasifamne dursee Ameerikaatti taasifamu gabaasichi eere.

Bakka bu’oonni WBO fi Faannoo torbanoota darban keessa waliin dubbachuu himee jira gabaasni Africa Intelligence.

Marii kana booda gartuuleen lameen akka wal hin waraanne waliigalteen taasifamuu himee jira.

Yeroo kana hooggantoonni Faannoo fi WBO naannawaa daangaa naannolee lameeniitti wal-arguun mariiwwan taasisaa jiraachuu gabaasichi mul’iseera.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *