Bulchiinsi Tirampi ajaja labsii US Kaaba Itiyoophiyaarratti bara bulchiinsa Baayidan baaste akkuma jirutti akka itti fufu murteesse

OFM:Fulbaana.12/2025-Bulchiinsi Pireezdaantii Doonaaldi Tirampi ajaja labsii Yuunaayitid Isteetis rakkoo nageennaa Kaaba Itiyoophiyaa ilaaluun baastee turte ammas haalli jiru waan hin fooyyofneef akkasumaan akeekkachiisni kun akka itti fufu murteesse.

Ajajni labsii kun taateen Kaaba Itiyoophiyaa nageenna naannoof rakkisaa ta’uu, nageenna biyyaalessaa akkasumas imaammata Yuunaayitid Isteetisiif illee gufuu akka ta’e kaa’eera.

Labsii Bulchiinsi Tiraampi seerummaa isaa dheeresse kun kan labsame bara bulchiinsa Pireezidaanti Bayidan Fulbaana 17/2021 yoo tahu, innis labsii Pireezidaantii 14046 ta’uun isaa ni yaadatama.

Ajajni labsii Roobii darbe masaraa Waayit Haawus irraa ifoome, “ammas haalli taatee Kaaba Itiyoophiyaa nageenna Itiyoophiyaaf, Gaanfa Afriikaaf darbees imaammata Yuunaayitid Isteetis adeemsistuuf gufuu akka ta’etti itti fufee jira” jedhee jira.

Ajajni labsii duraan ture akka dheeratee raawwiinsaa itti fufu ta’e kun, Fulbaana 17/ 2025 boodas raawwiinsaa akkaataa ajaja labsii pireezidaantii 202(d) irratti ibsameen kan itti fufu ta’uu isaa Pireezidaanti Tirmapi mirkaneessaniiru.

Kana boodas erga maxxanfameen booda, gara mana maree bakka bu’ootaa, Koongirasiitti, ergamas jedhameera.

Fulbaana 08/2023, Bulchiinsi Pireezidaantii Baayidan ajaja labsii Itiyoophiyaa ilaallatu kan yeroo lammataaf raawwiisaa kan dheeressee ture.

Yeroo sanattis rakkoo Kaaba Itiyoophiyaatti mudate hordofee labsii kana qoqqoobbii namoota haala sochii qarqaarsa namoomaa danqanii fi sarbiinsa mirga namoomaa keessaa harka qabanillee qoqqobbii irra kaa’eeti ture.

Ajaja labsii kallattiin Pireezidaanti Baayidan Fulbaana 2021 wayita lolli Tigraayi, Affaarii fi Oromiyaa keessatti hammaatee ture kan labsanii turan yoo ta’u, walitti bu’iinsi kuni taateewwan hamaa akka ajjeechaa, sarbiinsa mirga namaa, gudeeddii fi qarqaarsa namoomaa danquu waan keessummeesseef, haalli kun nageenna biyyaalessaa fi imaammata alaa Yuunaayitid Isteetis kan gufuu ta’uudha jechuun farrajee akeekkachiisuun isaa kan yaadatamuudha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *