Huutiin “Kaayyoon keenna Israa’el keessatti galma ga’eera” jedhe.

OFM:Fulbaana.14/2025-Gareen Hidhattoota Huutii Yaman bakka waraana Israa’el irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu beeysisaniiru.

Dubbi himaan waraana Huutii Yahya Saaree Duula lama keessatti ejjennoowwan Israa’el naannoo Negev keessatti argaman irratti xiyyeeffachuu isaanii beeysisaniiru.

Misaa’eloonni baalistikii haaypersoonikii bakka waraanaa rukutanii dirooniin sadii buufata xiyyaaraa Raamoon magaalaa Galaana Diimaa Eilat haleeluu isaanii Saaree himaniiru.

Buufanni waraanaa dabalataa naannoo sanatti argamu rukutamuu isaas itti dabaluun dubbi-himaan kun beeysisanii jiru.

Yahya Saaree akka jedhanitti, ”Huutiin weerara Israa’el Gaazaa irratti raawwatteef deebii kennuuf Israa’el irratti dhiibbaa gochuu itti fufu” jedhan.

Waraanni Israa’el haleellaa Huutii irraan ga’u ofirraa deebiseera jechuun irra deddeebi’ee dubbateera.

Waldhabdeen Huutii fi Israa’el jidduu jiru hammaataa kan dhufe yoo ta’u, haleellaan guyyaa guyyaa itti fufee jira.

Huutii haleellaan kun kaayyoo isaa galmaan gahuu isaa karaa dubbi himaa isaanii Yahya Saareen beeysisaniiru.

Israa’el magaalaa guddoo Yaman Sana’aa fi bulchiinsa Al-Jawf keessatti haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate namoota 35 ajjeesuun isiin ni yaadatama.

Gama biraatiin ammoo US qoqqobbii marsaa haaraa Ansar Allah irra keessee jirti jechuudhaan kan gabaase ‘Al Jazeera’ dha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *