MM UK alaabaa keenna hokkoraaf dabarsinee hin kenninu jedhan.
OFM:Fulbaana.15/2025-Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam Sar Kiir Istaarmar, Biriiteen alaabaa isii kanneen mallattoo hokkoora, sodaa fi garaagarummaa gochuun fayyadamuu barbaadaniif dabarsite hin kennitu jedhan.
Ministirri Mummee kun alaabaan biyya isaanii ”biyya keenna sab-daneetti” bakka bu’uudhaa kan jedhan yoo ta’u, namoonni halluu bifa isaanii fi sababii eennummaa isaanitiin sodaan akka itti dhagahamu akka hin taasifne ibsaniiru.
Haasaan Istaarmar kun kan dhagahame erga namoonni gara kuma 150 ta’an baqattoota mormuudhaaf jidduugala Landaniitti dhaadannoo ”Unite the Kingdom” jedhu qabachuun hiriira gaggeessaniin booda.
Hiriirri kunis nama siyaasa Right-Wing leellisu, Toomii Roobiinsan jedhamuun kan qopheeffame yoo ta’u, hiriira gara biraa namoota kana mormaniifi baqattoota deeggaraniin achuma Landaniitti gaggeeffameera.
Haasaa Ministira Mummeetiin dura ammoo Ministirri Daldalaa Piitar Kaayiil hiriirichi kan mirga walitti qabamuufi dubbachuu agarsiiseedha jedhanii ture.
Dilbata waaree booda Istaarmar ”Namoonni mirga hiriira nagaa gaggeessuu qabu. Duudhaa ijoo biyya keennaati jedhanii” ture.
”Haata’u malee, namoonni bifa isaanitiin daandiirratti yaaddoon itti umamee eeguun qondaaltoota poolisii itti gaafatamummaa isaanii bahaa jiran irraan miidhaa dhaqqabsiisuun hin obsinu” jedhan.
Ministirri Mummee kun itti dabaluudhaan, ”Biritaaniyaan biyya wal dandeettii, sab-daneettii fi kan kabaja irratti ijaaramteedha.
Alaabaan keennas kan biyya keenna sab-daneessummaa qabdu bakka bu’a. Kanneen mallattoo hokkoraa, sodaa fi garaagarummaa gochuun itti fayyadamuu barbaadaniif dabarsinee hin kenninu” jedhan.
Hiriira baqattoota mormuudhaaf gaggeeffame kanarratti kanneen baay’ee miidhaman dabalatee qondaaltoonni poolisii 26 miidhaan irra gahuu poolisiin beeysiiseera.
Namoonni poolisii irraan miidhaa geessisuun shakkaman 24 ammoo to’annoo jala oolfamanii jiru jechuun miidiyaalee biyyattii dabalatee The Guardian, India news, BBC, Al Jazeera, CNN fi Miidiyaaleen kaan gabaasuurratti argamu.