Iraan Badhaadhina niwukilaraa akkan itti fufu addunyaan haa beeytu!
OFM:Fulbaana.16/2025-Iraan haleellaa dhaabbilee niwukilaraa isii irratti raawwatamu dhoorguuf murtee Ejensii Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa (IAEA) Viyeenaatti dhiheessuuf akka jirtu Aljaziiraan gabaaseera.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga US fi Israa’el ji’a Waxabajjii keessa waldhabdee guyyoota 12f Iraan irratti haleellaa raawwataniin booda.
Hogganaan Dhaabbata Annisaa Atoomikaa Iraan Mohammad Eslami dabalatee qondaaltonni ol’aanoo niwukilaraa Iraan yaa’ii waliigalaa IAEA 69ffaa Wiixataa hanga Jimaataatti gaggeeffamuuf Viyeenaatti argamu.
Tehran murtee kana dhiyeessuuf akka yaadde mirkaneessitee jirti, garuu hanga ammaatti barreeffama isa dhumaa hin baafne.
Islaamiin miidiyaalee mootummaa Iraanitti akka himanitti, konfiraansiin kun yaaddoo gocha IAEA, keessumaa daayreektarri isaa Raafaa’eel Giroosii irratti mul’atu ibsuuf carraa ta’uu ibsaniiru.
“Ejensichi haleellaa Iraan irratti raawwatame irratti ejjennoo fudhachuu dhiisuudhaan, kanaa mannaa haala baay’ee jiddu galeessa ta’een socho’uudhaan ogummaa dhabuu isaa argineerra – sadarkaa dachaa hanga muudaa hin qabnetti hojiirra oolcheera,” jedhan.
”Murteen kun yoo fudhatamuu baatellee, Chaartariin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hiika dhugaa jechaatiin sarbamuu isaa agarsiisa,” jedhan.
Al Jazeera akka gabaasetti Iraan walgahii kana irratti biyyoota miseensa ta’an lobbiin gochuuf karoorfattee jirti, qondaaltonni wixineen kun sagalee kennuu illee hin danda’u jedhu.
Itti aanaan hogganaa niwukilaraa Iraan Behruz Kamalvandi akka jedhanitti, Waashingitan biyyoonni tarkaanfii kana akka morman dhiibbaa godhaa jirti.
”Ameerikaan biyyoonni miseensa ta’an murtee kana akka ugguran dhiibbaa godhaa jirti, maallaqa ejensichaaf kennitu akka addaan kutu doorsifteetti,” jedhan.
Kamalvandi haleellaan Israa’el Iraaq keessatti riyaaktarii Osirak irratti raawwatte murtee Mana Maree Nageennaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 487 bara 1981 dabalatee Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuu jechuun kaasaniiru.
Murteewwan UN bara 1985 fi 1990 kaasuun dhaabbilee niwukilaraa eeguun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Boordiin Bulchitoota IAEA erga Ameerikaan waliigaltee niwukilaraa Iraan bara 2015 Doonaald Tiraampiin raawwatame keessaa baatee as qoqqobbii afur Tehran irratti kaa’eera.
Iraan sagantaan isii kan siiviilii akka ta’e kan himtu yoo ta’u, jalqaba bara kanaa hawaasni basaasaa Ameerikaas ta’e IAEAn Tehran meeshaa niwukilaraa hordofaa akka jirtu ragaa hin arganne jechuun Aljaziiraan gabaaseera.
Iraan IAEA erga Waxabajjii 13 Tehran eegumsa akka hin kabajne beeysiftee as teessoo duubaa ta’uu himatteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Abbaa Araaghchi akka jedhanitti, sakatta’iinsa boombii booda addaan cite deebisee jalqabuuf torbee darbe Kaayirootti IAEA waliin waliigaltee irra ga’amee, waliigalteen kun kanneen haleellaa irra ga’e dabalatee dhaabbilee hunda kan hammate Mana Maree Nageenna Biyyaalessaa Ol’aanaatiin raggaasifamuu ibsaniiru.
Manni marichaa muudamtoota Hogganaa Ol’aanaa Ayaatollah Ali Khamenei, hoggantoota biyyootaa fi ajajoota waraanaa of keessaa qabu kun ibsa Wiixata darbe kenneen deeggarsa isaa mirkaneessee jira.
“Murteewwan Mana Maree Nageennaa kanaan dura addaan citan irra deebi’anii kaa’uu dabalatee, tarkaanfiin diinummaa Rippabiliika Islaamaa Iraanii fi dhaabbilee niwukilaraa isii irratti fudhatamu kamiyyuu, qophiiwwan kana hojiirra oolchuu ni morma,” jedheera.