Somaaliyaatti Tiktokeroonni pireezidaantii arrabsan jedhaman hidhaman.

OFM:Fulbaana.17/2025-Poolisiin Somaaliyaa namoota Tiktok hojjetan afur wayita viidiyoo shubbisaa hojjetan pireezdaantii biyyattii Hasan Sheek Mahmuud arrabsan jechuun to’ate.

Viidiyoo agarsiifame keessatti dargaggoonni kunneen wallee bara 2022 duula filannoo pireezidaantiif ba’e gara ofiisaaniitti jijjiiruun ittiin shubbisu.

Yeedaloo wallee sanaa fayyadamuun, garuu walaloo ofii uuman, kan arrabsoo of keessaa qabu, itti dabaluun ittiin shubbisan.

Poolisiin ibsa isaa keessatti Tiktokeroonni kunneen to’annoo jala jiraachuu fi seeraan himati akka irratti banamu eere.

Namoonni kunneen erga to’annoo jala oolanii yaada kennanii hin beekan.

Somaaliyaa keessatti kanaan duras fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa, keessattuu Tiktokeroonni hedduun hidhamaniiru.

Sababni ammoo saba arrabsoo, qabiyyee safuu cabsuu babal’isuu fi tuffiidha.

Garuu dhimmi qondaala siyaasaa olaanaan walqabatu kun kan jalqabaati.

Bara darbe Hagayya keessa manni murtii magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqadishoo ”hookkara uummata keessatti hammeessuu fi waan safuu cabsu babal’isaniiru” jechuunTiktokeroota torba hidhaa ji’a ja’aan adabeera.

Aanga’oonni biyyattii akka jedhanitti gochi Tiktokeroonni pireezidantii arrabsuun to’ataman raawwatan seera Somaaliyaa jalatti yakka akka ta’e eerameera.

Viidiyoon kun akkaawontii namoota to’ataman kunneenii jalaa haqamus garuu bal’inaan waan qoodameef ammallee miidiyaa hawaasummaarra jira.

Dubbi himaan poolisii Jeneraal Abdifattaa Aden namni kabaja dhaabbilee ykn aanga’oota biyyattii salphisee argame kamuu ”adabbii seeraaf saaxilama” jechuun namoonni akka gocha kana irra hin deebine akeekkachiisan.

Namoonni kunneen hidhamuun Somaaliyaa keessatti ga’ee miidiyaa hawaasummaa, keessattuu TikTok, irratti falmii guddaa kaasiseera.

Dhimmi kun kanaan duras biyyattii keessatti ajandaa falmisiisaa isa ijoo ture.

Namoonni gariin Tiktokeroota hidhaman kunneen deeggaru, kaan ammoo hidhamuunsaanii sirriidha jedhan.

Kanneen hidhamuu TikTokeroota kunneenii deeggaran walabummaan yaada ofii bilisaan ibsachuu sadarkaa kana ga’uu hin qabu jedhu.

Keessattuu biyya mootummaa daddaaqame soroorsuun mootummaa cimaa dhaabuuf ifaajaa jirtu keessatti gochi akkasii gufuu guddaadha jedhu.

Somaaliyaa keessatti TikTok miidiyaa hawaasummaa akkaan beekamuudha, maamiloota hedduu qaba.

Dargaggoonni Somaaliyaa kanneen biyyattii keessas jiran akkasumas dayaasporaan ergaawwan qabiyyee siyaasaa qaban karaa miidiyaa hawaasaa kana dabarsu.

Hedduun akka madda diinagdeetti fayyadamu, bashannanaafis akkasuma.

Bara 2023 mootummaan Somaaliyaa miidiyaa hawaasummaa kana fi kanneen biroo guutummaatti cufuuf yaada dhiheessee ture.

Keessattuu akka sababaatti yaaddoo nageenya biyyaalessaa, odeeffannoo dogongorsiisaa fi duudhaa hawaasaa balleessuu eeruun TikTok irratti xiyyeeffatee ture.

Garuu yeroo sanatti mormii uummataa cimaa muudateen dhoorgaan kun hojiirra hin oolin hafeera.

Garuu ammallee taatu aanga’oonni miidiyaan hawaasummaa kun qabiyyeewwan miidhaa geessisan kanneen akka ajandaa finxaaleyyii fi maqa balleessii hedduu dabarsaa jira jechuun namoonni akka of eeggatan akeekkachiisu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *