Irreessi UNESCO’tti galmaa’uuf adeemsarra akka jiru himame.

OFM:Fulbaana.21/2025-Ayyaanni Galateeffannaa, Tokkummaafi Araaraa ta’e Irreessi UNESCO’tti galmaa’uuf adeemsarra jira jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Holaa.

Ayaanni Irreessaa kun Magaalaa Finfinnee keessatti hanga bara 1904’tti dhokaataanis ta’u geggeeffamaa turuu yaadachiisan.

Abbaan Gadaa Goobanaa Holaa

Irreessi Hora Finfinneefi Harsadii bara kana karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen akka geggeeffamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

‎Irreessi magaalaa Finfinnee keessaa dhiibamee bahaa turuu yaadachiisuun, waggaa hedduu booda deebi’ee Finfinneetti kabajamuu kan eegale bara 2012 irraa kaasee akka ta’e Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa dubbataniiru.

Irreessi jaarmiyaa sirna Gadaa keessaa tokko ta’ee, Aadaa Uummata Oromoo, sirna galateeffannaa, guyyaa araaraa ,wagii, eebbaa fi hawwii gaarii falaasama Oromoon qabuun ol’aantummaa fi humna Waaqaa addunyaaf itti ibsan, milkii gaariin kan ittiin argamuu fi mallattoo ifaa ta’uu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa himaniiru.

‎Irreessi eennummaa qofa osoo hin taane, madda diinagdee yaa’insa tuuristii magaalichaafi galii biyyattii karaa adda addaan dabalaa jiraachuu himaniiru.

Irreessi haada tokkummaa dhala namaa amantaa, aadaa, afaan, siyaasaa fi hawaasummaan walitti hidhuu fi jaalala waloo dippiloomaasii fi kominikeeshinii ta’uus kan kaasan Abbaan Gadaa kun, Oromoon walii isaa, sabaaf sab-lammii Itiyoophiyaa fi lammiile biyya alaa kan tokkummaa fi walitti dhufeenna biyyootaa ittiin mul’isan ta’uus eeraniiru.

Irreessi UNESCO’tti akka galmaa’uuf adeemsarra jiraachuu kan himan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa, kabaja bara kanaa irrattis karaa nagaa fi duudhaa isaa Ganamaa eeggateen irratti hirmaachuun murteessaa ta’uu himaniiru.Bara kanas, Finfinneetti irra deebiin kabajamuu erga eegalee yeroo 7ffaaf karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Abbaan Gadaa Oromoo Tuulamaa Goobanaa Hoolaa AMN Digital’f ibsaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *