Ayyaanonni jijjiirraa baraa saboota Kafichoofi Hadiyyaa kabajame.
OFM:Fulbaana.23/2025-Ayyaanonni jijjiirraa baraa saba Kafichoo Maashqaaroo fi kan Hadiyyaa Yaahoodeen kabajamee oole.
Ayyaanni jijjiirraa baraa Saba Kafichoo Mashiqaaroon bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamanitti magaalaa Boongaatti kabajame.
Ayyaanicha sababeeffachuun guyyaa kaleessaa magaalaa Boongaatti feestivaalli aadaa gaggeeffamuun gaggeeffamee jira.
Bifuma walfakkaatuun Ayyaanni jijjiirraa baraa saba Hadiyyaa Yaahoodeen bakka hoggantoonni ol’aanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamanitti magaalaa Hoosaa’inaatti kabajamaa oole.
Kabaja Ayyaana kanaa sababeeffachuun kaleessa galgala sirni galgala Atakaanaa magaalaa Hoosaa’inaatti gaggeeffameera.