Imbaasiin Ameerikaa Lammiilee isii Seera Immigireeshinii Itiyoophiyaa kabajuus akka qaban yaadachiise.
OFM:Fulbaana.24/2025-Imbaasii U.S. kan magaalaa Finfinneetti argamutti ambassadara kan ta’an Erviin Masingaa lammiileen Ameerikaa kan Itiyoophiyaa keessa jiraatan ykn daawwannaaf kan dhufan seera immigireeshinii biyyattii ciminaan akka kabajan dhaamaniiru.
Ambasadarrichi ergaa kaleessa gama imbaasiitiin dabarasaniin, jijjiirama imaammata immigireeshinii Itiyoophiyaa irratti mul’ate kaasuun lammiileen Ameerikaa turtii isaanii kan Itiyoophiyaa keessa qabaniin seerota Itiyoophiyaa beekuu fi qophaa’uun barbaachisaa ta’uufi akkasumallee seera immigireeshinii biyyatti kabajuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru
Masingaan sadaasa bara 2017 mootummaan Itiyoophiyaa godaansa seeraan alaa hir’isuuf jecha adabbii viizaa yeroo dheeraa turuu guyyaa tokkotti gara doolaara 30tti akka ol guddise ibsan, adabbiin kun dafee kuufamuu akka danda’u hubachiisaniiru.
Ambaasaaddar Masingaan qondaaltonni immigireeshinii Itiyoophiyaa “lammiileen U.S. viizaa isaanii yeroo dheeraa turuu isaaniitiin adabaman hanga adabbii guutuu doolaara Ameerikaatiin kaffalanitti biyyaa akka hin baane dhoorguu danda’u” jechuun akeekkachiisaniiru.
Akkasumas Imbaasiin U.S. hanga adabbii maallaqaa kana kaffaluuf liqii kennuudhaaf hayyama akka hin qabne ibsaniiru.
Adabbiin akka hin muudanneef ambaasaaddarichi lammiileen U.S. viizaan turistii guyyoota 30 ykn 90 osoo hin xummuramin dura waajjira muummee tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Itiyoophiyaa deemuun turtii isaanii dheereffachuun viizaa ykn hayyama jireennaa yeroo baay’ee ( yellow card) jedhamuun beekamu akka gaafatan gorsaniiru .
“Ijoolleen lammiilee biyya alaa, kanneen Itiyoophiyaa keessatti dhalataniifi paaspoortii U.S. isaanii akka bifa eennummaa isaanii qofaatti fayyadaman dabalatee, adabbiin viizaa yeroo dheeraa turuu ni qabaatu,” jedhan ambaasaaddarichi.
warri lammiilee U.S. Itiyoophiyaa keessa jiran paaspoortii U.S. isaanii isaanii keessatti viizaa Itiyoophiyaa ykn “yellow card” seera qabeessa ta’e qabaachuu akka qabanis dhaamani.
Masingaan lammiileen Ameerikaa karaa seera qabeessa ta’een Itiyoophiyaa keessa turuuf itti gaafatamummaa akka qaban cimsanii dubbachuun; kun akka lammiilee idil-addunyaatti mirgaaf dirqamaa isaanii qofa osoo hin taane, ‘