Dureen Sooriyaa ammaa pireezidaantion duraanii Asaad Sooriyaa diige jedhan.

OFM:Fulbaana.24/2025-Pireezidaantii Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa kora UN irratti wayita haasaa taasisan biyyisaanii barbadaa’uu isiif nama isaan dura pireezidaantii biyyattii turan Bashaar al-Asaad himatan.

Biyyi isaanii seenaa keessatti waan gaariis, waan badaas argaa yoona ga’uu kan ibsan dureen Sooriyaa kun ”ammoo egereen keenna ifa,” jedhan.

Bara bulchiinsa Asaad waggoota kurna ja’a darban keessatti Sooriyaa fi lammiileen isii hacuuccaa fi dararaa suukanneessaa jala akka turan UNtti himan.

Sooriyaan diigamteetti, waraanni waliinii loltoota biyyoota adda addaa ofitti hawwateera jedhan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *