Ruutoon Eebba Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa irratti argamuun Masrii biratti mufannaa uume!

OFM:Fulbaana.25/2025-Masriin Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti argamuun booda mufannaa isii ibsite.

Taateen kun marii bishaan laga Naayilii irratti adeemsifamaa jiru gufachiisa jechuun yaaddoo qabdu kaasuun kan yaadatamuudha.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri Masrii Haatem Yoosri Hosnii, Roobii fulbaana 24 akka ibsanitti, ijaarsi hidhichaa seera idil-addunyaa kan cabsuu fi bu’uuraalee seeraa diriirfaman kan hin kabajneedha jechuun dubbatan.

Masiriin biyyi Bishaan laga Abbayyaa kanarraa faayidaa akka humna ibsaa maddisiisuudhaan fayyadamoo ta’uuf mirga qaama biroos akka kabajju yoo hubachiisftu, Keeniyaan eebba kana irratti hirmaachuu isiitiin masriin mufannaa qabdu ibsiteetti.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *