Koreen Imaammata Maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa irraa ibsa kenne.
OFM:Fulbaana.29/2025-Koreen Imaammata Maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen, qaala’insi gatii yeroo dhaa gara yerootti hir’achuun dhibbantaa 13.6 irra ga’uu ibseera.
Kanaafis imaammatni maallaqaa fooyya’uu, tarkaanfii mootummaan gabaa tasgabbeessuuf fudhate akka sababaatti eereera.
Gama sochii diinagdeetiin oomishtummaan biyya keessaa dabaluufi sharafni alaa akkasuma jijjiirama agarsiisuu ibseera.
Daangeffamni imaammata maallaqaa irra ture akka laafu taasifamuun sochiin maallaqaa akka dabaluuf sababa akka ta’e baankichi ibsa isaa kenneen hubachiiseera.
Baankichi hojiilee hojjataman qoratee yaada furmaataa kaa’uun, mariin korichaa itti aanu Muddee bara 2018 akka adeemsifamu ibse.