Iraan Hulaa murteessaa ittiin boba’aan darbu hulaa Hormuzitti doonii fe’umsaa to’atte.
OFM:SADAASA.16/2025.Koreen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) Jimaata ganama hulaa Hormuzitti doonii boba’aa to’achuu mirkaneesseera.
Dooniin alaabaa Odoola Maarshaal qabu kun Yunaayitid Arab Emireet (UAE) irraa gara Singaapoor deemaa ture.
Doonichi ”fe’umsa hayyama hin qabne baachuudhaan seera cabse” jedha IRGC’n. Ta’us seera kami akka cabse bal’inaan hin ibsine.
Doonii kun boba’aa fe’atee akka ture gabaasni ni argisiisa.
Iraan yeroo garaagara taankerootaafi dooniiwwan fe’umsaa Galoo Galaana Pershiyaa keessaa fi naannoo isii imalan to’ataa turte.
Hulaan kun daandii doonii addunyaa ijoo kan boba’aa fi gaazii uumamaa ittiin darbuudha.
Iraan waggootaaf qoqqobbii warra lixaa fi tarkaanfiiwwan biroo isaan irra ka’aniif haaloo ba’uuf Hulaa Hormuz (Strait of Hormuz) cufuuf doorsisaa turte.
Wal haleellaan misaa’elaa Israa’eliifi Iraan jidduutti gaggeeffame hordofee Iraan ni cufti jedhamee yaaddoon akka ture ni yaadatama.
Jikinni boba’aa addunyaa kanaa harka shan keessaa tokko kan ta’u karaa hulaa qarqara galaanaa dhiphoo bal’ina kilomeetira 40 qabuu kana keessaan darba.
Ajajaan Humna Galaana biyyattii “Iraan hulaa kana cufuuf yaaduu dandeessi” jedhan.
