Haleellaa Raashiyaan lixa Yukireenitti raawwatteen namoonni 20 ajjeefaman.
OFM:SADAASA.19/2025.Haleellaa dirooniifi misaayelaa Raashiyaan lixa Yukireen magaalaa Teenoopilitti raawwatteen daa’imman lama dabalatee namoonni 20 lubbuu dhabaniiru.
Namoonni 66 biroon kan madaa’an yoo tahu, haleellaan gamoowwan namoonni keessa jiraatan lama irratti raawwate kun erga Raashiyaan bara 2022 irraa kaasee Yukireen haleeluu eegaltee haleellaa namoonni hedduun itti du’an keessaa isa tokko tahu miidiyaaleen gabaasuurratti argamu.
Naannoleen lixa biyyattii biroonis kan haleelaman yoo tahu, haleellaan diroonii magaalaa kaaba Yukireen Kaarkiiv irratti qiyyaafates namoota 30 caalan madeesseera. Suuraaleen miidiyaa hawaasaarra qoodaman gamoowwaniifi konkolaataawwan gubatan agarsiisu.
Ibsaan baduunis naannolee Yukireen hedduurra dhiibbaa geessiseera jedhe ministirri annisaa Yukireen.
