OFM:SADAASA.28/2025.Loltoota Ittisa Biyyaa US lama Waashingiten DC ollaa Waayita Hawusitti Roobii darbe rasaasaan rukutaman lamaan keessaa tokko lubbuun isii darbuu pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp himan.

Shamarree waggaa 20 kan taate Saaraah Beekistoorm rukutamtee madaa’uu isii muudateen akka duute Tiraamp Kamisa dubbataniiru.

Loltuun lamaffaa Andiriiwu Woolf jedhamu umuriin isaa waggaa 24 ta’e ammoo ammallee madaa’uu hamaa isa muudateen “du’aafi jireenna jidduu jira”.

Loltoota kanneen lamaanitti gaafa Roobii addabaabaayii Faraguut magaalaa walakkaa jirutti dhiyeennarraa itti dhukaafame.

Poolisiin dhukaasa kanaaf shakkamaa maqaa isaa Rahaamaanullaah Lakanwal jedhamu umuriin isaa waggaa 29 ta’e Afgaanistaanirraa dhufe to’ateera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *