Hogganaan Waraana Liibiyaa caccabaa Xayyaaraa keessatti du’ee argame.
OFM:Muddee.23/2025•Hogganaan waraana Liibiyaa Mohaammad Alii Ahmed Al-Haddad fi namoonni afur Kiibxata halkan Turkiyaatti balaa xiyyaaraa muudateen du’uu isaanii Ministirri Muummee Abdulhamid Dbeiba mirkaneessaniiru.
To’attoonni tiraafikaa qilleensaa Turkiyaa Jila Liibiyaa Ankaaraa daawwachuun gara biyyaatti deebi’aa jiru waliin qunnamtii dhabuu isaanii qondaaltonni Liibiyaa himan.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Turkiyaa Yasar Guler miseensota jila kanaa waliin ta’uun hogganaa waraana Liibiyaa Mohaammad Alii Ahmad al-Haddad waliin Ankaaraatti mari’ataniiru.
Muummichi ministeera Liibiyaa Abdulhamid Dbeiba akka mirkaneessanitti hogganaan waraana Liibiyaa Mohaammad Alii Ahmed Al-Haddad fi namoonni afur Kiibxata halkan Turkiyaatti balaa xiyyaaraa muudateen du’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Muummichi ministeeraa ibsa Feesbuukii irratti kennaniin, “balaan gaddisiisaa” kun kan muudate yeroo jilli Liibiyaa “daawwannaa ofiisaa Ankaaraa irraa deebi’aa jiruutti” jechuun Liibiyaadhaaf “kasaaraa guddaa” jedhan.
Qondaaltonni Liibiyaa akka jedhanitti, rakkoo teeknikaa muudateen gara walakkaa sa’aatiif qunnamtiin balalii xiyyaara waliin ture guutumaan guutuutti dhabameera jedha gabaasni AP24.
Al-Haddad ajajaa waraanaa ol’aanaa lixa Liibiyaa ture. Dhaabbilee waraanaa biyyattii gadi fageennaan qoqqoodamanii jiran tokkoomsuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tattaaffii itti fufee jiru keessatti nama gahee ol’aanaa taphateera.
