Somaaliyaan Israa’el Qondaala isii gara Somaalilaand erguu baleelffatte.
OFM:Amajjii.06/2026.Gamtaan Afrikaa beekamtii biyyummaa Israa’el bulchiinsa Somaaliyaa irraa addatti of baastee of bulchitu, Somaalilaandiif, kennuu ilaalchisee wayita kora waametti, qondaalli Israa’el Somaalilaanditti argaman.
Kiibxata, Amajjii.06/2026Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Giidiyoon Sa’aar magaalaa guddoo Somaalilaand, Hargeessaa daawwataniiru.
Daawwannaan ministira dhimma alaa kun erga biyyisaanii Somaalilaandiif beekamtii kennitee kan jalqabaati.
Ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa daawwannaa qondaala Israa’el kana balaaleffachuun ibsa baaseen, ”gochi kun birmadummaa, tokkummaa fi walabummaa daangaa Somaaliyaa kan cabseedha,” jedhe.
”Karaa fudhatama hin qabneen dhimma biyya miseensa Dhaabbata Biyyoota Addunyaa taate keessa seenuudha,” jechuun ibseera.
”Hargeessaan qaama Somaaliyaati,” kan jedhu ibsi kun, ”beekamtii mootummaa federaalaa Somaaliyaa malee daangaa somaaliyaatti seenuun karaa kamiinuu fudhatama hin qabu,” jedhe.
Gochi akkasii Chaartara UN faana kan hin deemne, Heera Gamtaa Afrikaa kan faallessuu fi seera birmadummaa biyyaa kan sarbuudha jedha ibsi Somaaliyaa kun.
Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa tuffii birmadummaa Somaaliyaa irratti raawwachaa jirtu akka dhaabdus akeekkachiiseera ibsi kun
