Varjiiniyaa bara 2026tti daa’ima umuriin isaa waggaa 5 gadi ta’e irratti du’a busaa jalqabaa gabaaste.

OFM:Sadaasa.23/2026.Varjiiniyaa keessatti daa’imni xiqqaan tokko du’eera, Kunis bara 2026tti kutaa kibbaa keessatti sababa dhukkuba buseetiin nama du’e isa jalqabaati.

Ministeerri Fayyaa Varjiiniyaa Jimaata darbe akka beeysisetti, Ameerikaan vaayirasii baay’ee daddarbaa kanarraa bilisa ta’uu isii erga labsamee guyyoota muraasa booda.

Qondaaltonni mootummaa iccitii maatii kanaa kaasuun waa’ee du’a daa’ima kanaa bal’inaan ibsuu didan. Haa ta’u malee daa’imni kun umriin isaa waggaa shanii gadi ture.

Varjiiniyaa bara kana walumaa galatti namoonni 220 vaayirasichaan qabamuu kan gabaaste yoo ta’u, irra caalaan isaanii kutaa jiddu galeessaa kutaa biyyattii keessatti argamu.

Namoonni vaayirasichaan qabaman irra caalaan namoota talaallii vaayirasichaa hin fudhanneedha.

Isaan keessaa daa’imman 40 daa’imman reefuu dhalatan irraa kaasee hanga waggaa afurii fi daa’imman 75 kanneen biroo umuriin isaanii waggaa shanii hanga 12 ta’e akka ta’e Ministeerri Fayyaa kutaa biyyattii hanga Sadaasa 19tti ibseera.

“Erga bara 1978 as du’a dhukkuba buseetiin walqabatee hin muudanne,” jedhan ogeessi ittisa dhibee fi hoji gaggeessaan Jiddugala Qorannoo Saayinsii fi Industirii Ohaayotti argamu Firdeeriik Bertley.

Itti dabaluudhaanis, weerarri busee vaayirasichi lafa qabataa dhufuu fi Ameerikaaf rakkoo guddataa dhufuu isaaf ragaa ta’uu ibsaniiru.

Kutaan Ameerikaa baay’ee miidhame Pensilvaaniyaa torban darbe dhukkuba busaatiin walqabatee du’a 8ffaa kan gabaaste yoo ta’u, hanga Sadaasa 20tti namoonni 1,631 dhukkuba busaatiin qabamuu isaanii mirkanaa’eera.

Wisconsin bara 2026tti namoota lama kan du’an yoo ta’u, kutaan New York ammoo bara 2026 jalqaba baatii Sadaasa keessa du’a jalqabaa dhukkuba busaatiin walqabatee gabaasteetti.

Dhimma kana keessatti miidhamtuun daa’ima ji’a torbaa akka ta’e himama. Waggoota kurnan sadii oliif bulchiinsa kana keessatti du’a dhukkuba buseetiin walqabatee isa jalqabaati.

Giddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) bara 2026tti hanga ammaatti du’a buseetiin walqabatee namoota ja’a mirkaneessee jira, haa ta’u malee kutaalee du’aan kun itti muudate hin ibsine.

Bara 2026tti guutuu biyyattiitti namoota vaayirasichaan qabaman 5,800 ol hordofeera, kunis bara 1991 irraa eegalee waggaa kamiyyuu keessatti isa baay’eedha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *