Waraanni Iraan mana maree US keessatti garaagarummaa uume.

OFM:Sadaasa.22/2026.Waraana Iraaniifi baajata ministeera Ittisaa irratti waliigalteen dhibuun yaaddoo mootummaan US akka hojii dhaabu mala jedhu jabeesseera.

Waraana Ameerikaan Iraan waliin itti jirtu akkasumas Pireezidaant Tiraamp Ministeera Ittisaa US’f baajatni dabalataa dolaara biiliyoona 350 gaafatan Manni Maree US (Kongirasii) baajata federaalaa irratti akka waliigalteerra hin gahamne gochuu mala.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, miseensonni paartii demokiraatikiifi rippablikaanii dhibdeen seera baastota waliin uumame bajata mootummaa irratti waliigalteen akka hin jiraanne gochuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

Baajanni mootummaa Ameerikaa jalqaba baatii Muddee irratti kan cufamu yoo ta’u miseensonni mana maree baajatni dhaabbilee federaalaa akka itti fufuufi hojiin isaanii akka adda hin cinne torban sadii qofa qabu.

Garaagarteen kuni immoo keessumaa seenetii (parlaamaa) keessatti ni hammaata.

Sababni isaas baajanni deeggarsa paartilee lamaa qabu akka ragga’u senaataroota 100 keessaa yoo xiqqaate sagalee 60 ni barbaachisa.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *