Tiraamp “Tolaanis ta’u Lolaan” Giriinlaandi ni qabanna jedhan.

OFM:Amajjii.10/2026.’Raashiyaafi Chaayinaan akka hin fudhanne US Giriinlaand abbummaan ​​qabaachuu qabdi’ jedhan Donaald Tiraamp.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaafi Chaayinaan Giriinlaand akka hin fudhanne Ameerikaan ‘abbummaan’ qabaachuu qabdi jedhu.

Tiraamp Jimaata darbe gaaffii BBC’n gaafateef wayita deebii kennanitti “biyyoonni mirga abbummaa qabaachuu qabu,waan mirga abbummaa itti qabdu ni eegda. Liiziin yoo ta’e eeguu hin dandeessu. Nuhi ammoo Giriinlaandi eeguu qabna,” jechuun dubbatan.

“Kanammoo kara salphaanis ta’ee karaa ulfaataa ta’een ni raawwanna,” jedhan.

Waayit Haawus dhiheenna kana bulchiinsi Ameerikaa naannoo walakkaa ofiin of bulchitu kana miseensa NATO kan taate Deenmaarkirraa bitachuuf yaadaa akka jiru ibsee ture. Garuu yoo ta’uu baate humna fayyadamuufi kan jedhu haaleera.

Deenmaarki fi Giriinlaand naannoon kun gurgurtaaf kan hin dhiyaannee akka hin taane himaniiru.

Deenmaarki tarkaanfiin waraanaa Ameerikaan fudhattuun kan NATOn callisu taanaan xummura diigamuu gamtichaa ta’a jechuun akeekkachiifteetti.

Giriinlaandi naannoo ummanni walitti sissiqee keessa jiraatu kan Ameerikaa Kaabaa fi Arktiik gidduutti argamtu yoo taatu sirna akeekkachisa dursaa haleellaawwaan misaa’elaa, akkasumas dooniiwwan naannicha keessa jiran hordofuuf bakka tarsimawaa kan taateedha.

Pireezidaantiin Ameerikaa Giriinlaand nageenna biyyaalessaa Ameerikaatif murteessaadha jechuun irra deddeebiin dubbatu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *