Miniyaapolisitti mormii dhalateen poolisiin madaaye, namootni hidhaman.

OFM:Amajjii.11/2016.Dubartiin qaamolee seera Immigireeshinii kabachiisanii itti dhukaafamee du’uusii hordofee mormii dhalateen Poolisiirra miidhaan gaheera, Namoonni 29 akka to’atamanis gabaafame.

Poolisiin tokko cabbiin itti darbatamee miidhamuudha kan himame. Mormiin kun Jimaata galgala gaggeeffame.

Kutaalee US hedduu keessatti mormiin farra raawwii seera immigireeshinii kun kan eegale dubartiin ganna 37 konkolaataa isii keessatti qaamolee seera immigireeshinii raawwachiisaniin itti dhukaafamee du’uu isii hordofeeti.

Dubartii Renee Nicole Good jedhamtutti kan dhukaafame Roobii darbe ture.

Bulchiinsi Tiraamp qondaalli dubartii kanatti kan dhukaase tarkaanfii ittisaa fudhateeni yoo jedhu, Aanga’oonni naannoo ammoo dubartiin tun hammeenna hin qabdu jedhaniiru

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *