Ministiroonni Dhimma Alaafii Bishaanii Itiyoophiyaa Juubaa daawwatan.

OFM:Amajjii.15/2026. Sochiin dippilomaasii naannoo cimee itti fufee wayita jirutti, Ministeerri dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Ministirri Bishaaniifi inarjii qondaalota ol’aanoo kaan wajjin Suudaan Kibbaa daawwatan.

Wayita sochiin dippilomaasii naannoo cimee itti fufee jirutti, Ministeerri dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximotiwoos fi Ministirri Bishaaniifi inarjii Injineer Habtaamuu Ittafaa qondaalota ol’aanoo kaan wajjin Suudaan Kibbaa, Juubaatti imaluun angawoota biyyatti waliin dhimmota walitti dhufeenna waloo, tasgabbii naannoo mari’achuun gabaafame.

Daawwannaan kunis, daawwannaa Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahmad Jibuutiitti, Hoogganaan Dhaabbata Tikaa Itiyoophiyaa Reeduwaan Huseen ammoo Mooqaadiishootti erga taasisanii guyyoota muraasa booda kan taasifameedha.

Ragaan ibsa ministeerota dhimma alaa biyyoota lamaanii akka agarsiisutti, jilli Itiyoophiyaa Gurraandhala 13/2026 Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Suudaan Kibbaa, Ambaasaaddar Mondaay Semayaa K. Kumba, waliin marii sadarkaa ol’aanaa gaggeesseera.

Walgahii kanarratti Ministirri Bishaanii fi Jallisii Suudaan Kibbaa, Jeemsi Maawiich Makuwach, akkasumas qondaalonni ol’aanoo gama lameenii hirmaataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Suudaan Kibbaa akka ibsetti, mariin kun daldala, misooma diinagdee, barnoota, bu’uuraalee misoomaa fi dameewwan dursa kennaman biroo dabalatee dhimmoota fedhii waliinii qaban irratti xiyyeeffachuun marii taasisan.

Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa gama isaatiin, mariin kun tasgabbii naannoo fi dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii irratti yaada bal’aa wal jijjiiruun kan gaggeeffame ta’uu ibseera.

Akkasumas, walitti dhufeenna seenaa dheeraa fi obbolummaa saboota lamaan gidduu jiru irra deebi’anii mirkaneessuun, hariiroon biyyoota lamaanii cimaa fi bu’uura qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaan Juubaa kun yeroo dippilomaasiin naannoo Itiyoophiyaa ol ka’aa jirutti kan taassifame yoo ta’u, Wiixata darbe Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahimad Jibuutii daawwachuun Pireezidaantii Ismaa’il Omar Guelleh waliin daayinamiksi ji’oopoolitikaa, nagaa fi nageenna naannoo, akkasumas tumsa daldalaa, loojistikii fi misoomaa cimsuu irratti mari’ataniiru.

Daawwannaa kana hordofee, Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahimad Buufata Doonii Dooraalee karra galaanaa guddaa Itiyoophiyaa daawwatan yoo ta’u, Kunis Masiriin torban muraasa dura Jibuutii waliin bu’uuraalee doonii, loojistikii fi anniisaa haaromfamuu irratti waliigaltee erga mallatteessitee booda dhufe.

Gama biraatiin, Kiibxata darbe, wayita wal-dhabdeen dippilomaasii gaanfa Afrikaa keessatti itti fufee jiru keessatti, Daarikteerri Ol’aanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenna Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Reeduwaan Huseen daawwannaa isaanii moqaadishootti taasisuu isaanii maddeen gabaasaniiru.

Daarikteerri Ol’aanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenna Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Reeduwaan Huseen daawwannaa hin beeysifamneen gara Moqaadishootti taasisuun ergaa Muummicha Ministeeraa Abiyyi irraa Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamudiif dabarsuun gabaafamee jira.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *