Senegaal Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 35ffaa taate!
OFM:Amajjii.18/2026.Tapha Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorookoon gaggeeffamaa tureen senegaal galchii 1 fi 0’n Moorokoo Injifachuun Shaampiyoonaa taatee jirti.
Senegaal Seenaa isii keessatti si’a 2ffaaf Waancaa Afrikaa kaaste.
Tapha xummuraa har’a taphatameen senegaal Moorookoo injifachuun Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 35ffaa taatee jirti.
Qopheessituun Waltajjichaa Morookoon peenaalitii walfalmisiisaa daqiiqaa xummuraatti argatte Biraahim Diyaaz osoo hin fayyadamin hafe.
Gama Senegaaliin Paappee Duyeen yeroon taphaa, daqiiqaa 90 idileen dhumee daqiiqaa 30 dabalame keessaa, daqiiqaa 94ffaa irratti lakkoofsisee jira.
Senegaal bara 2021 yeroo jalqabaaf kan injifatte yoo ta’u, waggaa 4 keessatti yeroo 2ffaaf milkeessiteetti.
