Oduu Ispoortii:_Baayer Muuniikiifi Arsenaal Walakkaa Xummuraaf darban.

OFM:Ebla.15/2026.Tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin Baayer Muuniik dirreesaa Aliyaanz Areenaa irratti, Riyaal Maadiriid keessummeessee galchii 4-3’n injifate.

Maadiriid boqonnaa dura galchii 3-2’n dursuu danda’us, boqonnaa booda galchiiwwan keessummeesse lamaan abdii walakkaa xumnuraaf darbuuf qabu dhabeera.

Tapha jalqabaa Muuniik 2-1’n waan injifateef qabxii walii galaa 6-4’n Walakkaa xumumraaf darbeera.

Tapha biraatiin Ispoortiing Liizban kan keessummeesse,Arsenaal 0-0 qixa bahuun qabxii waliigalaa 1-0’n walakkaa xummuraaf darbuu danda’eera.

Shaampiyoonsi liigii Awurooppaatiin PSG fi Baayer Muuniikii akkasumas Atileetikoo Maadriidiifi Arsenaal morkii walakkaa xummuraatiin kan wal-argan ta’a.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *