Ministirri Dhimma Alaa Iraan “Mootummaan Jarmanii duubatti harkifamaa jira” jechuun Chaansilara Jarmanii qeeqan.
OFM:Gurraandhala.05/2026.Hariiroon Iraanii fi biyyoota Awurooppaa keessattuu Jarman jidduu jiru sadarkaa gadi aanaa yeroo kamiyyuu irra gaheera.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchi Chaansilara Jarman Firiidrich Merz ”siyaasaan bilchina kan hin qabne” jechuun cimsanii qeeqaniiru.
Waldhibdeen kun gama hedduudhaan hammaateera. Chaansilarri Friedrich Merz ”dhiibbaan Iraan irratti akka dabalu” erga waamicha godhanii booda, Ministirri Dhimma Alaa Iraan fuula X (X) isaanii gubbaatti deebii kennaniiru.
Merz ”sagantaa niwukilaraa Iraan hatattamaan dhaabuuf marii gaggeessuu fi dhiibbaa dabaluudhaaf qophiidha” jechuun isaanii aarii guddaa kaaseera.
Abbaas Araqchi Jarmaniin duraan ”motora guddina Awurooppaa” turte, amma garuu Merz jalatti ”motora duubatti deebi’uu” taateetti jechuun qeeqaniiru.
Araqchiin Biriteen, Faransaayiifi Jarman (E3) Amajjii darbe UN’n qoqqobbii Iraan irra deebi’ee akka kaa’amu dhiibuun marii niwukilaraa keessatti gahee isaanii haquun himataniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii jidduu jiru gara sadarkaa balaa hamaatti cehuudhaaf sababoota adda addaati.
Gamtaan Awurooppaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Iraan ”shororkeessummaa” jedhee moggaasuu fi biyyoonni Awurooppaa ”Iraan mormitoota irratti tarkaanfii fudhataa jirti” jechuun kan himatan akka sababaatti ka’aniiru.
Ibsi Merz ”guyyoonni sirna Iraan lakkaa’ameera” jechuun kennanii fi haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwattu deeggaruun isaanii Iraan ”jidduu seenummaa” jechuun balaaleffateera.
Haa ta’u malee, Araqchi kabaja ”ummata Jarmanii guddaa fi cimaa” qabu ibsuun, Jarmaniin ”hoggansa siyaasaa bilchaataa fi kabajamaa” akka barbaaddu dubbataniiru.
Haasaan kun hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii daran dhiphiseera.
Gama biraatiin Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan keessa waraanaan jidduu seenuuf doorsisuun isaanii waldhabdee naannoo sanaa daran cimsee jira.
