Ameerikaan dooniiwwan isii naannawa Iraan keessa darbaniif akeekkachiisa kennite!
OFM:Gurraandhala.10/2026.Ameerikaan
Doniiwwan daldalaa isii akka daandii doonii dhiyeessii boba’aa Strait of Hormuz keessa hin qaxxaamurre akeekkachiiste.
Ameerikaan sagantaa niwukilaraa Iraan irratti waldhabdeen Waashingitanii fi Tehiraan jidduutti wayita waliigalterra hin ga’amne kanatti, dooniiwwan daldalaa daandii doonii dhiyeessii boba’aa Baha Jiddugaleessaaf barbaachisaa ta’e bo’oo Harmuuz (Strait of Hormuz) keessa darbaniif akeekkachiisa kennite.
Iraan kanaan dura bo’oo Hormuz kan gariin isaa daangaa isii keessa jiru cufuuf doorsiftee kan turte yoo ta’u, yeroo tokko tokko dooniiwwan daldalaa fi boba’aa daddabarsan himannaa seeraan alaatiin to’ataa turte.
Ministeerri Geejjibaa Ameerikaa dooniiwwan daldalaa alaabaa Ameerikaa qaban bishaan Iraan irraa hanga danda’ametti akka fagaatan; gorseera jechuun qajeelfamni bahe ni mul’isa.
Qajeelfamni marsariitii isaa irratti maxxanfame akka agarsiisutti, “Doonii daldalaa alaabaa Ameerikaatiin bishaan kana keessa darban bishaan naannoo Iraan irraa hanga danda’ametti akka fagaatan gorfama,” jedha.
Akkasumas ”Humnoonni Iraan doonii daldalaa alaabaa Ameerikaa qabdu yoo yaabbatan, hojjettoonni doonii humna itti fayyadamuun akka isaan hin yaabbanne dhoorguu hin qaban,” jedheera.
Dippilomaatii ol’aanaa Iraan akka jedhanitti, mariin niwukilaraa Ameerikaa waliin Omaan keessummeessite haala gaariin eegaluu fi waliigaltee irra gahuu dhabuun Baha Jiddu Galeessaa waraanaatti kan geessu ta’uu akeekkachiisaniiru.
