Chaayinaan waamicha US diduu hordofee Tiraamp dawwaana isaanii jijjiiran.

OFM:Bitootessa.17/2026.Walgahii Chaayinaa waliin godhu yeroo biraatti dabarsuu malee filannoon biraa hin jiru’ jedhe.

Pireezidaanti Tiraamp Wiixata kaleessaa akka jedhanitti sababa waraana Iraaniin daawwannaa Chaayinaa dhuma baatii Bitootessaatti karoorfame gara ji’a tokkoof dheeressuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.

“Kun Baay’ee salphaadha. Waraana itti fufee jiru qabna. As turuun barbaachisaa natti fakkaata,”jedhan.

Tiraamp Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jinping arguuf hawwii guddaan eeggataa turuu ibsuun,” amma yeroo biraatti dabarsuu malee toftaan biraa hin jiru” jechuun cimsanii dubbatan.

Tiraamp Tarkaanfii kana kan fudhatan yoo Chaayinaan Hulaan Hormuz akka banamuuf hin gargaarre walgahii kana yeroo biraatti dabarsuu akka danda’an erga dubbatanii guyyaa tokko booda.

Dubbiin Tiraamp kun kan dhaga’ame yeroo waldhabdeen biyyoota diinagdee gurguddoo addunyaa lamaan jidduu jiru waraana Iraaniin hammaataa dhufeetti.

Beejiing maamila guddoo boba’aa Iraan yoo taatu,, haleellaa Ameerikaa fi Israa’el biyyattii irratti raawwatan qeeqxeetti.

Waashingitan imaammanni taarifaa Tiraamp baatii Gurraandhalaa keessa Mana Murtii Ol’aanaatiin erga kufee booda kan Chaayinaa dabalatee taarifa daldalaa biyyota kana irra deebiin akka qorattu ibsitee jirti.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *