Kooriyaan Kaabaa Mootora Misaa’ela haaraa fi Humna caalaa US gahuu danda’u yaaluu beeysifte!
OFM:Bitootessa.30/2026.Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un yaalii motora misaa’ela boba’aa jabaa (Solid-fuel) haaraa humna misaa’ela biyya isaanii guddisee lafa guddittii Ameerikaa ga’uu danda’u to’achuu isaanii miidiyaaleen mootummaa Dilbata darbe gabaasan.
Mootorri haaraan kun dhiibbaa kiiloo niwutoonii 2,500 kan qabu yoo ta’u, motorri kiiloo niwutoonii 1,970 kan baatii Fulbaana keessa qoratame irraa baay’ee dabaleera.
Teeknooloojiin boba’aa jabaa misaa’eloonni salphaatti akka socho’an, dhokatanii fi akka tasaa akka furguggifaman taasisa.
Kana jechuun misaa’ela boba’aa dhangala’aatiin hojjetamu irraa adda ta’ee osoo hin furguggifamuu isaanii dura qophii bal’aa waan hin barbaanneef carraan diinaan adda baafamuu isaanii xiqqaadha.
Hogganaan kun qormaata kana “bu’aa guddaa maashaa waraanaa tarsiimoo biyyattii sadarkaa haaraatti ol guddise” jechuun ibsaniiru.
Kooriyaan Kaabaa yaaliin milkaa’aa ta’e gaggeessine jettus, ogeeyyiin Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa gaaffilee hedduu kaasaniiru.
Kooriyaan Kaabaa waa’ee yeroo gubaa
(combustion time) fi odeeffannoo teeknikaa biroo kan hin kennine yoo ta’u, qorannoon kun “olola sodaachisaa” ta’uu akka malu agarsiisa jechuun tilmaamni jira.
Kooriyaan Kaabaa loltoota fi meeshaa waraanaa erguun waraana Raashiyaa fi Yukireen deeggarsa goote jijjiiruuf Raashiyaa teknooloojii kennite jechuun himatamte.
Misaa’elli kun Ameerikaa gahuu danda’us, ho’a ol’aanaa mataan waraanaa niwukilaraa (warhead) deebi’ee qilleensa keessa seenuun maddisiisu dandamachuu akka danda’u hanga ammaatti qabatamaan hin agarsiifamne.
Kooriyaan Kaabaa bara 2019 irraa eegalee meeshaa waraanaa niwukilaraa ishee babal’isuuf tattaaffii guddaa taasisaa turte.
Walgahii Paartii Hojjettootaa dhiheenna kana Waxabajjii keessa ta’amerratti Kiim Joong Un pireezidaanti Doonaald Tiraampi waliin mari’achuuf banaa ta’uu isaanii agarsiisan, garuu Waashingitan gaaffii “haalduree tokko malee niwukilarii irraa bilisa” akka dhiistu gaafataniiru.
Yaaliin motoraa haaraan kun qaama tattaaffii Kooriyaan Kaabaa gara fuulduraatti mataa waraanaa niwukilaraa dachaa misaa’ela tokko irratti kaa’uun ittisa Ameerikaa laaffisuuf jedhamee amanama.
