Biyya of dandeesse erga taatee Suudaan Kibbaa si’a duraatiif Muddee dhufu filannoo gaggeessuufi.

OFM:Waxabajjii.23/2026.Suudaan Kibbaa erga biyya taatee yeroo duraaf Muddee dhufu filannoo gaggeessuf akka taye Aangawoonni filannoo himan.

Biyyi lafaa dhuftu, Suudaan Kibbaa bara 2011 erga walabummaa argattee waggoota 15 darbaniif aangoorra kan jiran Salvaakiir Mayaardiit.

Duraan jalqaba biyyattiitti filannoon jalqabaa bara 2015 gaggeeffamuuf karoorfamuuf ture. Garuu sababa wal waraansaa dheerate.

Bara 2018 waliigalteen nagaa gaggeeffame mootummaan waloo ijaaramee Salvaa Kiir Pireezidaantii itti aanaa isaanii Riyeek Machaar waliin mari’atanii bara 2022 keessa filannoo gaggeessuuf waliigalan.

Haa tahu malee wayita sanitti sababa muddama hooggantoota biyyattii jidduu muudateef osoo hin gaggeeffamin hafe. Muddamni hogganoota biyyattii sana boodas filannoo danquu ittuma fufe.

Jalqaba bara dabree Riik Machaar aangorraa kaafamuun hidhame. Ajjeechaa, biyya ganuu fi yakka namoomarratti raawwatamuun himatamee mana murtii dhiyaate.Tahus Riik Machaar yakkoota kanneen haaleera.

Bitootessa bara darbee kaasee magaalaa teessoo mootummaa Jubaatti mana ofii keessatti hidhaarra jira. Lolli kutaalee biyyattii gariin keessatti itti fufeera.

Jeequmsi kun babal’atee lola guutuutti akka cehuu akka danda’u UN akeekkachiise.

Muddee 22 dhufutti filannoon akka gaggeeffamu hogganaaan boordii filannoo Abednaagoo Akook Kaakuul beeysisan.

Hanqinoonni dawoo seeraa fi faayinaansii qophii filannoorratti dhiibbaa qabaachuu akka malan garuu himaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *